Get Mystery Box with random crypto!

Abbiyyoon Booranarraa gara magaalaa #Jimmaati goodaane. Yeroo | ancient history of oromoo and oromia

Abbiyyoon Booranarraa gara magaalaa #Jimmaati goodaane. Yeroo sanitti Jimmi biyya muslimaa tan waggootan dheeraa turte haa taatu malee, hojjirra oolmaan barnoota amantaa muslimaa hangas mara babal’atee gadi hin faggaanne ture. Sheik Abdii Quxulaa nama cimina samuu guddoo qabus ture, kanaaf karaan itti hin dhipphanne. Jimmati barnoota Islaamaa inni kennuu fi beekumsa gadi faggoo waa’ee amantaa islaamaa irratti qaburraa kan ka’ee, “Namni kun “ABBAA” amantii islaamaa , “sayyida arganne” jechuun, jimmi #Sayyid_Abbiyyoo jattee maqaa kabajaa fi jaalalaa isaaf moggaafte.

#Sheik_Abdii_Quxulaa (Sayyid Abbiyyoon) nama wal qixxummaa ilma namatti amanu ture. Gocha gabroomfataa fi cunqursaan ilmaan namaarratti godhu kamuu fudhatee hin beeku. Ilaalcha qabu kana amantaa barsiisu keessatti osoo hin dabarsin guyyaan inni oolee hin jiru jadhu warri isa qaamaan beeku. Jimma keessa biyyi Goomma jadhamtu biyya ilmi namaa gabra tahee gurguramuun booda itti aante ture. Akka bara durii Gara biyya Arabatti gurguruun jiraachuu baatullee, ganduma keessatti soorreessii fi abbootiin lafaa ilma nama gabra godhachuun itti fufee jira. Kanaaf Sayyid Abbiyyoon magaalaa Jimmarraa gara #Goommati goodaanee majliisa dhaabuun amantii Islaamaa fi walqixxummaa ilma namaa barsiisu itti fufe. Yoo kana Abbootii lafaa fi soorreesooni Goommaa Ijja diimtuu Abbiyyooti baasuu jalqaban. Kana booda Lubuun Achi turee hawaasa barsiisuun gaagga’ama waan qabuuf, Goommarraa gara iddoo hanqinni barnoota muslimaa daran mul’atu, #Mattuuti goodaanuuf dirqame. San boodas Abbootiin lafaa, keessumaafuu kaneen amantii islaamaa fi walqixxummaa Oromoo dhagayyuu hin jaalanne sayyid Abbiyyoo diinummaan hordoofuu itti fufan.

Itti aansee achumma gara kibba biyyattii, biyya #Kaambaataati qajeele. Abbiyyoon afaanoota baayyee dubbata ture; Afaan Oromoo, Amhaaraa, Arabaa, Somaalee, Ingiliizii fi Xaaliyaanii, waliigala afaanota jahaa ol dubbachuu dandayyu. Garuu Afaan Kaambaataa waan hin beeknef, Kambaatota wajiin Afaaniin waliif galuu hin dandenye. ammas achiirraa goodaanuun dirqii itti tahe. Iddoo toora naannoo dhaloota isaa kan taate kibba biyyatirraa bara 1948 gara kibba baha Oromiyyaa, Baaleeti as goodaane.

Yeroo kana mootummaan Hayila Silaasee Amaaraa beelaan dhuma gahe Goojjaamirraa fi’ee Baalee Qubsiisuuf sagantaa baafatee raawwachuuf Baaleeti lafa qopheessuuf shaakallii jalqabe. Warra miila qallatee Goojjaami dhufee qubataa jiru tokko tokko Abbiyyoon gara amantaa Muslimaati jijiiruu dandahus, adeemsa mootummaa fiwudaalaa kana Oromoon Baalee akka dura dhaabbachuu qabdu barsiisuurraayyis of booda hin janne ture. Ummanni Baalee innaa sayyid Abbiyyoo Jaalaterraa “ilmoo tiyyan siif kennaa narraa fuudhiin”abbiyyootti heddumaatus, Haala kanaan jaalatammaa fi fudhatamummaa guddaan inni ummata biratti argachaa dhufe fi sochiin inni godhu, ammas Baaleetis daranuu galmee gurraatti mootummaa fiwudaalootaa keessatti akka ilaalamu isa godhuu danda’ee jira.

Kanarraa ka’uun, Bara 1951 Baale irraa #Ona_Ituu, iddoo Oromooni Qaalluu amantaa Musliimaa hordoofan baayyinaan jiranitti goodaanuf dirqame. San booda Oromoonni Baalee Sabboonummaa, barnoota amantaa inni isaaniif kennaa turee fi gocha angawwooni mootummaa isarratti gaggeessan kana walitti qabanii ibsuuf;

“Yaa Abbaa Koo Abbiyyoo, yaa kan diinii fide.
Dhiiraaf dhalaan martuu, suma booda sagadee
Dhufa kee dura namuu, eenyummaa isaa dagatee
Yaa Abbiyyoo Kiyya Hoo
Galanni Kee Ni Badee Yoo?”....

Jechuun dhugaa Abdiin Quxulaa qabuuf raggaa bahaa turan!.

.....
Kutaan 2ffaa Itti fufa
Telegram channel
https://t.me/ancient_history_oromoo