Get Mystery Box with random crypto!

GOOBANAA DAACCII       Kutta 1ffa Goobanaa Daaccii Abbaa Duula | ancient history of oromoo and oromia

GOOBANAA DAACCII
      Kutta 1ffa
Goobanaa Daaccii Abbaa Duulaa /waraana/ olaana bara mootii Minilik nama turaniidha. Raas Goobanni bara 1817 akka dhalatan barreessaan ‘Soleillet’ jedhamu kan gabaase yoo ta’u, barreessan bira ‘Baira Tafala’ jedhamu immoo bara 1821 keessa akka dhalatan himeera. (‘Soleillet, Op. cit. P.114, For a biographical article on Ras Gobana’) Goobanni yeroo isaan itti dhalatan bara mootii Saahilasillaasee keessa ta’us walitti dhufeenyi isaan mootota Shawaa waliin qaban wanti beekame hinjiru. Hiddi dhalootasaanis Oromoo yoo ta’u gosa Tuulamaa, Abbichuu Galaan keessaa mana Waayyuuti.
Hidda Dhaloota Raas Goobana
Tuulama, Galaan, Abbichu, Waayyu, Amaan, Wadee, Daaccii, Goobana
jechun kan ibsamuudha.
Abbaan Goobanaa Abbaa Biyyaafi nama beekama naannawa Waayyuu (Tuulamaa kaabaa) yoo ta’an, akka barreessitoota tokko tokkootti Abbaa Gadaa gosaatii jedhu (Bair Tafala, Journal of Ethiopian Study, 1968).
Akka qorannoofi afoolaa maanguddoota Abbichuurraa walitti qabameen Goobanni daa’imummaatt……i