Get Mystery Box with random crypto!

#ancient_history_of_oromo. Ona afran Qalloo ! -------------- Q | ancient history of oromoo and oromia

#ancient_history_of_oromo. Ona afran Qalloo !
--------------
Qubsumtti ilmaan afran Qalloo karaa kaaba- bahaatiin, gaara mixii fi Adda- galaa irraan as deebisii,hara Oowwaafi El- baha irraa kaasii hamma gaara jaldeessatti dur noolee irra qubachaa ture. San qofaa mitti, karaa kaaba - bahaa kanaan dawallee achii dabrii, Lafa Adeellee jedhamtu irraa kaasii, dur naannoo gaaraa meettoo kana gubbaa gostti meettaa akka irra qubachaa turteetu himama.
Naannawa gaara Nuunuu kana gubbaa Ammoo gosa nuunuu qubachaa ture jedhama.
Hamma Ammaa laftti tun hundi maquma kanaan waamamaa jirtti.haa tahu garuu hedduun isaanii naannoo somalee jala jiran.
Magaalaan jaldeessaa magaaloota gaanfa afrikaa keessatti jiddu gala daldalaa tahan keessaa takka.jaarraa dabran keessa, ona afran Qalloo keessaa magaalaa biyyoo Adareetti Aantee magaalaa ummanni hedduminaan keessa jiraatuudha. Haa tahu malee bara 1865 - 1870 G.C keessa lola gosoota somaleetiifi oromo jiddutti deemaa tureen namoonni hedduun magaalaa jaldeessaa keessa buqa'anii akka turan pillipp paulitschke kitaaba isaa kan bara 1888 keessa barreesse irratti ibsee jira. Haala San duraatiif ka achii booda oromo afran Qalloo irratti deemaa ture bifa armaan gadi kanatti kitaaba isaa irratti ibse, tomas Labahn afaan Germany irraa gara afaan ingiliiziitti bifa kanaan kitaaba isaa " the second international Congress of Somali studies ' - 1982 ( volume 2= the Archeology and history) jedhu irratti hiikee jira. Barruun pillipp paulitschke kun kitaaba Ulrich braukamper ( Islamic history and culture in southern Ethiopia) jedhu irrattiis ibsame jira.
" when the ( Somali) nomads advanced as far as mountain country, as in the Gurais ( gursum) and funyan bira hills ( the southern foot hills of the qundela chain ) their existence was transformed they became sedentary agriculturist, like the Girri and Bertilli, even where the somali today exert pressure on the oromo living north of harar incessantly wresting pieces of land from them. It appears that after they have pushed back the oromo their nomads cames to a stand still.the reason is that they gain control over places of commercial activities, such as " jaldeessaa "
and of stretches of land which have been rendered fertile and make it possible to cultivate '" durra.".. " ( pillipp paulitschke - 1888)
Suuraa = magaalaa jaldeessaa bara 1889 G.C . @etbisahusen