Get Mystery Box with random crypto!

#ancient_history_of_oromo. Seenaa Oromoo Kaaba Ityoophiyaa fi | ancient history of oromoo and oromia

#ancient_history_of_oromo. Seenaa Oromoo Kaaba Ityoophiyaa fi Akkoo Manooyyee/ Guddittii Gadi'aa Falasaa giiftii Oromoo
----------------------------------------------------
Seenaan Guddittti dheeradha. Akkoo manoyyee kan jedhamtu ishiidha. Oromoon abbaa irree jedheet ishii waama. Habashaan Yoodiit Gudiiti abbaa iree wareertuu jedheet hamma yoonaa ishii abaara. Seenaan Adunyaa leenca Giiftii Afrikaa jedheet waama.

Gosinni ishii Azaboo dha. Azaboon Asaboo ykn Ashaboo irraa dhufe. Jaarraa 9 keessa uummataa ijaartee waraana qopheesitee mootummaa Aksuma waraatee barbadeesitee angoo qabatteet waggaa 40 kaaba Itophiyaa Habashaafii Oromoo bulchite. Eega ishiin duutee motummaan hiddaZ-aguwee angoo ishii dhaaleet waggaa 333 kaaba Itophiyaa Oromoofi Habashaa bulchaa ture. Maqaan Zaguwee Z-Agaw yknZ-Hagahu irraa dhufe. Hagahu jechuun "haagahu" jechudha. Hagahu gosa Oromooti. Hortee kushi jedhameet waamama.

Mootummaan Za-agwee waggaa 333 keessa nugusoota 11 qaba. Maggalli isaanii Rohaa jedhama. Roohaan "Eddeessaa"tti jijjirame. Habashaan "Adeefaa" jedha. Booda "laalibalaa" tti jijjiirame. Laalibalaa jechuun "balaa ilaali" jechudha. Zaguween Taabota baayee ijaareet amantaa orthodoxii babaldhisaa ture. Taabota Laalibalaa dhagaa tokko irraa soqisee kan ijaare nugusa Oromoo Laaliibaladha.

Abbaa amanttii orthodoxii Oromoo dha. Oromoon Nubiyaa ykn Tigraayiif Eertraa keesa jiraatatan kiristinna kan fudhatan waggaa 40-78 AD keessa bara Giifttiin Oromoo Gandakee Gorsamee Guddichaa biyya bulchaa turtedha . Taabota hangafa Itophiyaa Tesyoon Maariyaam kan ijaare Gorsameedha. Habashaan Oromoo booda bara Ezanaa waggaa 493 amanttii kiristaana fudhate. 300 keesa fudhatan inni jedhamu soba. Ragaa በእትዮጵያ የተደበቀ አፓርታይድ ደራሲ ቡልቶ ሁበቺሣ ገጽ 573- 77

Akka seenaan ragaan bahutti amanttiin kiristaana handhuuraa (heritage) Oromooti. Amaara kan jedhamu durii calqabee 80% Oromoo afaan geizi fii amaariffa dubbatudha. Afaan Amaraa Geizi keessaa bahe. Amaariffi jaarraa 9 keessa afaan Agawu jehameet waamama. Ragaa

"Early Amharic, known as Agaw, emerged arroumd the ninth century as language of the agaw people." Source: Encyclopedia of Africa History and culture page 14.

Oromoon Jaarraa 9 keessa siidaa akkoo manoyyee gubbaatti Amaariffan "አሸመ አዛቦ"jedheet barreesseera. Amariffaa fii Geizi kan Oromoo ta'uu baraa. Uummanni Amaara jedhamu 80% Oromooha. Jaraa 12 duraa kaasee Agawu Amaara dabalatee Oromoo kibba Goojjamiif kibba Shawaa amantii Kiristaana barsiisaa ture. Ragaa

"The Zagwe dynasty power came from its large army. Which helped it spread CHRISTIANITY in the Southern region of Gojjam and Shoa populations that included of Amhara received Christianity instructions. "

Source: Encyclopedia of Africa History and culture page 248

Akkoo manoyyee ( Guddittiini) hidda Agawu gosa Azabooti.

Akkoon maqaa kabajaati. Maqaan ishii Guddittii Gaadiaa falasaa jedhama Abasiiniyaan maqaa Guddiittii dhokisiteet Gudiit yoodiit jette.

Gudditiin Tigraayi magala "Kubar" jedhamutti giiftii taate. Maqaan sa'a abbaakoo "Kubar" jedhamti. Bakkeen mooraan warana ishii "Gooba dheeraa" jedhama. Tigraayi keessatti argama.

Masaraan Oromoo naannoo Aksumitti argamu "Sado " jedhama .Giiftiin Oromoo Makiddaa Agabaas karaa baha Aksum kiiloo meetira 15 bakkee dunguruu Adee Qilxuutti awwalamte.

Source Ethiopia the unknown land, page 244,293, 289 by Stuart Munro-Hay Guddittin uummataa abboomteet dhagaa hammaa tulluu dhedheeratu baadhaa fidaa siidaa awwaalaa koo dhaabaa jette.

Uummanni dhagaa gugurdaa argitan kana gammoojjii irraa baatee fideet siidaa 7 dhaabe. Giddiittin siidaa kana gidduu magala Akksum irraa karaa dhiyaa awalamte.

Oromoon Guddittii abbaa irree akkoo manoyyee jedheet waama.Tigraayi biyya Oromoo ture. @etbisahusen