Get Mystery Box with random crypto!

#ancient_history_of_oromo. Tuulamni ilmaan sadii qaba: Daa | ancient history of oromoo and oromia

#ancient_history_of_oromo. Tuulamni ilmaan sadii qaba:

Daacci: ilmaan sadii qaba:Sooddoo,Konno&Galaan

Bacho: ilman 6 Qaba

Jiille:

Tuulamaa Godinaalee Shawaa afran keessatti kan argamu ta’ee daangaan isaatis dhihaan Macca, Kibba dhihaan Jimma, Kaaban Laga Abbaayi, Bahaan Karrayyuufi Kara kibbaatin Arsiidhan kan daangeffamuudha. Lafa bal’aafi ummata bal’aa kan qabuudha.Teessoon mootummaa biyya kanaatis handhura Tuulamaa, Finfinneedha. Gadaa Tuulamaa kana hundee irraa balleessuuf moototiin Habashaa kanneen akka Saahila Sillaasee, Minilikfi Hayila Sillaasee waraana hedduu itti bobbaasanii ardaalee jilaa isaatis dhaabbata adda addaafi Bataskaana irratti ijaarudhaan mallattoo eenyummaa Oromoo, lafa maqaa Oromootin waamamanis ta’ee maqaa namaatis jijjiirudhaan aangoo isaanitti fayyadamuudhan waan barbaadan hunda irratti raawwatanii jiru. Gadaan Tuulamaa gochaa bara dheeraaf irratti gaggeeffame kanaan baduu hin dandeenye. Dhiibbaa sana hunda keessa darbee har’a of cimsee Abbootii Gadaa Oromoo mara waliin walitti dhufeenya isaa cimsatee jira. Jiddu galli teessoo isaa dur Odaa Nabee ta’ullee, haala teessuma ummatichaatiin Gadaan achi taa’ee hojjachuuf mijaawaa ta’ee hin argamne. Lafti isaa qote-bulaadhan qabamee jira. Kana malees har’a haala ammayyaa keessa jirru kanaan guddina Gadaan irra gahe bu’uura godhachuudhan gaa Gadaa Magaalaa Bishooftuu keessatti hundeeffate jira. Rakkoolee hawaas – diinagdee furuu keessattis waan guddaa hojjachaa jira. Walitti dhufeenya Abbootii Gadaa Oromootifis wiirtuu ta’ee jira. Galma Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo ta’uun isaa ummata biyya keessafi biyya alaa hunda kan gammachiisedha. Caasaa Gadaa Tuulamaa Caasaan kun ilmaan Tuulamaa Sadeen; Daacci, Bachoofi Jiille of keessaa kan qabuudha. Saglan Yaa’ii Gadaa Tuulamaas ilmaan Tuulamaa sadeen kana irraa ijaarama. Saglan Yaa’ii miseensa sagal kan qabu ta’ee hojii Gadaa hunda ol’aantummaafi giddugaleessummaan kan gaggeessudha. Seera Caffeen tumte hojiitti hiika, hojii diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa akkaataa duudhaa Oromootiin gaggeessa. Seera Gadaa irratti hundaa’ee hawaasa kan gaggeessufi kan tajaajiluudha. Baajataafi mindaa malee bilisaan hojjata. Matta’aa ykn gubboo hin fudhatu. Waadaa qumbii eega. Waadaa gale hin cabsu. Cabsu abaarree itti ta’a. Firaafi alagaa walqixxee ilaala. Kanaaf ummataan jaalatama. Ummata biratti fudhatama guddaa qaba. Gadaan Tuulamaa giddugaleessa isaa, kan Yaa’ii Saglaniin hogganamu, Magaalaa Bishooftuu godhatee caasaa isaa aanaalee 42 kan Tuulama keessatti argaman hunda keessatti caasaa mataa isaa qaba. Aanaalee kanneen hunda keessattuu bakka bu’oota Abbaa Gadaa kan ummataan walitti dhiyeenyaan hojjatan qaba. Bakka bu’oonni kunis aangoo giddugaleessarraa itti kennamu itti gaafatamummaan hojjatu. Kan humna isaanitii ol ta’e gara giddugaleessaatti ol dabarsu. Gabaasa hojii isaanis dhuma waggaa irratti ni dhiyeessu. Hojiin Gadaa Duudhaa Oromoo irratti waan hundaa’uuf Oromoo biratti kabajaafi jaalala guddaa qaba. Yeroo har’aa kanatti hawaasni bal’aan dhimma isaa kara mana murtiitiin dhaquurra gara Waajjira Gadaa Tuulamaa fidachuu filata. Gadaan Tuulamaa ummata biratti amanamummaa guddaa qaba. Gadaa kan jibbu yoo jiraate diina Oromoo qofaadha. Warra waan hunda numatu isinii beeka jedhuudha. Fudhatama nu dhabsiisa jedhanii warra sodaataniifi warra Oromoo jibbanii qabeenya Oromoo jaalataniidha. Garuu akka isaan jedhan osoo hin taane guddinni Gadaa biyya tana irra darbee addunyaafuu bu’aa guddaa qaba. Kanas ta’ee sana Gadaan Tuulamaa har’a cimee caasaa isaa dur dhiibbaa adda addaan jalaa laafee ture cimsachuu irratti argama. Gadaa Tuulamaa keeaassatti Itti Makoo irraa kaasee hanga Gadaamojjiitti kana fakkaata; Itti Makoo→ Dabballee→ Foollee→ Qondaala→ Raabaa→ Doorii→ Gadaa→ Yuba→ Yuba 2ffaa → Gadaamoojjii. Tuulama keessatti namni tokko erga Abbaa Gadaa ta’ee dabareen booda Gadaa gargaarudhaan, gorsuudhaan hojjata. Tuulama keessatti umrii caasaa Itti Makoo irraa kaasee jiru akka seenan ibsutti ijoollee waggaa 0 – 8 jiraniidha kan jedhu eegamaa miti. Tartiibni umrii eeggamaa miti.