🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

DAANDII GARA MILKAA'INAATTI GEESSU. ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Dhimmoota hedd | GAGGEESSUMMAA

DAANDII GARA MILKAA'INAATTI GEESSU.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Dhimmoota hedduu, milkaa'uu fi milkii dhabuu, fuulduratti tarkaanfachuu fi bakka yaadan hanqachuu kan murteessan keessaa inni tokko, fagoo hin deeminaa, amala yookiin aadaa keenya. Milkaa'ina argachuun amalaa fi aadaa daandii milkii irra nama dhaabu qabaachuu irraa kan eegalu ta’uu isaati hayyoonni kan gorsan.

➲ Namni wal’aansoo jireenyaa moo’achuu, qabsoo dadhabsiisaa booda abbaa mirgaa ta’ee dirree irratti mul’achuu hin hawwine hin jiru. Hawwii yeroo hedduu hundi keenya hawwina. Hedduun keenya garuu hawwiidhuma qofaan daangeffamnee jiraanna; buddeenuma abjuu nyaanna.

➲ Namoonni milkaa'anis hedduutu jira. Milkaa'ina isaaniitiif sababni maal ta’inna laata? Sababa hedduu tarreessuun ni danda’ama. Kunniin sababoota ijoo amalaa fi aadaa jireenya namoota milkaa'aniin walitti hidhata qabaniidha. Milkaa'ina isaaniitiifis daandii kan saaqan amalootuma kanniin.

NAMOONNI JIREENYATTI MILKAA'AN:

➊. Yeroo hundaa waan haarawa yoo baran mul’atu.
Muuxxannoo haaraa baruu fi yeroo hunda waa dubbisuun nama guddisa, dirree hiree fi milkaa'ina namaaf bal'isa.

➋. Hir’inaa fi cimina isaanii addaan baafatu yookiin bareechanii beeku.
Namoota jireenyatti milkaa'anii sadarkaa guddaa irra gahan kan isaan biroon adda taasisu qabxiin tokko yoo jiraate, namoonni kunniin ciminaa fi dadhabina isaanii qajeelchanii beekuu isaaniiti. Waakkachuu irra, namoonni kunniin, hir’ina qaban hubatu yoo itti himames gammachuudhaan simatu.

➌. Dhimmoota kamiif dursi akka laatamuu qabu hubatu
Jireenya bu'aa bahiin itti heddummate kana keessatti, wanti hojjatamuu qabu yookiin rakkoon furamuu qabu hedduu dha. Dhugaan jiru garuu, hangamuu cimaa taanu, rakkoo nama mudatu hundaaf yeroo tokkotti deebii kennuun tasa waan hin danda’amneedha. Isa hunda irra xiyyeeffannaan guddaan kan barbaachisuuf dursi laatamuu qaba.

➲ Namoonni ciccimoon jireenya isaanii keessatti milkaayina guddaa galmeessisan kan godhan kanuma. Hedduun keenya garuu, waan cufa al tokko raawwachuuf carraaqna; akkas gochuu keenyaan dhoqqee keessaa hin baaneen qabamna. Al tokko waan dursi laatamuuf tokko!

➍. Maallaqa isaaniitti sirnaan fayyadamu.
Waa’ee mallaqaan walqabatee dhugaan yeroo hunda ka’u tokko hanga argattu qofa osoo hin taane waan argattu akka itti qabattuudha kan si duroomsu. Hangamuu haa baay’atuu, maallaqa argattu faffacaasta, bubbeef kennita taanaan ati yoomuu rakkataa fi liqii kadhataadha.

➎. Yeroodhaan hirribaa ka’u
Amalli namoonni barnootaan, daldalaanis ta’ee waan biraatiin cimina yookiin milkii guddaa argisiisan ittiin beekaman tokko yoo jiraate simbira ganamaa ta’uu isaaniiti.

➏. Kaayyoo fi Galmi isaanii Ifa
Maaliidhaaf jiraatta? Essa ga'uudhaaf tiratta jettanii yoo gaafattan namoota kanniin irraa kan argattan deebii gabaabaa fi ifa ta’e tokko. Maaliidhaaf akka hojjatan, eessa ga'uudhaaf akka tarkaanfatan yoo gaafataman bifa wal hin dhoofneen deebii isaanii lafa kaa'u.

➐. Hawaasaa fi hiriyyoota wajjin hariiroo cimaa uummatu.
Milkaa'inni, kallattii kamiinuu ta’uu danda’a, jireenya hawaasummaatiin hedduu walitti hidhata qaba. Kophaatti ba'anii jiraachuunis ta’ee milkiin kophaatti galmeessisan waan hin yaadamne ta’uu waan beekaniif hawaasummaa fi hariiroo gaariidhaaf iddoo guddaa laatu.

➑. Amala gaariidhaan ummata biratti mul’atu.
Ummata biraa jibbaa fi tuffii horachuun gufuu imala gara milkiitti godhamu gatantarsan keessaa isa tokko.

➲ Hawwuu qofa miti jireenyi. Kanniin milkaa'an irraa barachuudhaan nutis waan hawwinu harkatti galfachuu ni dandeenya. Gufuuleen hawwii keenya bira akka hin geenyeef danqaa ta’an hedduutu jira. Gufuun guddaan garuu nuti ofii keenyaa amalaa fi aadaa milkiitti nu geessu dhabuu keenya. Ammumaa amalaa fi aadaa gara milkaa'inaatti nu geessu simachuudhaan hawwii milkaa'inaaf qabnu haa dhugoomsinu.

Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN