🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

GAMMACHUU KEE HAALOTAAF HIN KENNIIN! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Qabeenyi gamm | GAGGEESSUMMAA

GAMMACHUU KEE HAALOTAAF HIN KENNIIN!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Qabeenyi gammachuuf, dhabiinsi immoo gaddaaf wabii miti. Gammachuun waan kanaan olii, filannoodha! Yoo feete kunoo, yoo hin feene immoo kuunnooti.

◉ Filannoo keeti! Eeyyeen, gammachuun qabeenyaan osoo hin taane, matumti isaayyuu qabeenya.

◉ Qabeenya eenyu namaaf kennuu fi nama irraa mulquu hin dandeenye kan dhuunfaa ofiiti. Abbaan qabeenyaa qabeenya isaan gammachuu jijjiirratee gammadaa hin ta'u. Inni harka qal'eessis waan ittiin bitatu dhabee gaddaa hin jiraatu. Jara lamaaniifuu, kun sirreeffama sammuu isaaniiti. Bu'aa ilaalcha isaanii! Eeyyeen, gammaduun dhuga-baatuu fayyaalessummaa jireenyaati malee, agarsiistuu tuulama qabeenyaa miti. "Kan qabu hundi gammadaa, kan hin qabne baay'eenis of jibbaadha," jedhanii timaamuun tilmaama ofii haqa irraa fageessuudha. Fakkeenyi dubbii tolcha mitiiree? Eeyyeen...

❏ Namicha tokkotu ajaa'ibsiifannaa isaa namoota iddoo tokkotti walitti qabanii jiranitti osoo himuu dhaga'ama. Akkanaan; "Ani yeroon waa'ee warra dureessotaa, dureessota keessaa immoo warreen akka biyyaa fi ardiilee hundaatti (addunyaatti) beekamtii qabanii yaadu wanti jalqaba irratti sammuutti na dhufu, siree isaaniiti. Siree isaanii!"
Yeroo inni akkas jedhu, namoonni achi jiran hunduu yaadaan gara siree dureessotaa deemuun mil'uu eegaluu hin hafne. Anis, atis osoo achi jiraannee akkanuma ta'uu hin hafnu.
Namoonni sun, siree warqee irraa hojjetamee haala addaan nama hawwatu irraa dureessota namichi jedhe sana ciibsaa, waan inni jedhu irraa dhagahuutti dharraan isaanii ol ka'e. Namichi ammas irra deebi'ee, "Sireen dureessotaa baay'ee na ajaa'iba!" jedhe. "Maal isaatu na ajaa'iba seetani? Sirichi qoraattii irraa ijaaramuu isaati! Irra gad hirkatu, garuu hirriibni ija isaaniitti hin dhufu. Asii fi achi, olii fi gadi osoo gangalatanii irraan bari'a. Eeyyeen, sireen isaanii qoree irraa ijaarame na ajaa'iba!" yeroo ittiin jedhu, hunduu akka tilmaaman ta'uu waan dideef, gara afaan qabachuutti dacha'anii jedhama.

❏ Amma tilaamuun hin rakkisu, jarri hirriiba malee bulanii guyyaas bututaa oolan kun, gaddamoo gammachuu akka ofitti aanfatan. Osoo akka qabeenyaatii, jara kanatu akka malee gammada ture.

❏ Qabeenyi madda gammachuu miti, dhabuunis gaddaaf karaa miti.

❏ Asirratti, kan qabaate gammadaa hin ta'u hin jenne. Abbaa qabeenyaa ta'uu fi abbaa gammachuu ta'uun adda adda jechaa jira. Kana ta'uu edda wal hubannee, maddi gammachuus ta'ee kan gaddaa yeroo baay'ee filannoo abbbaati. Filannoo! Gammachuu filannoo kee godhu. Akkas kunoo!

Gammachuu kee haalotaaf hin kenniin!

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN