🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

SIIF JEDHEEN OF DHIISE! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ■ Haadha tokkotu ilma ishee | GAGGEESSUMMAA

SIIF JEDHEEN OF DHIISE!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ Haadha tokkotu ilma ishee tokko qabdu waliin jiraatu turan, haati kun rakkina ulfaataa keessaatti mucaa ishee guddisti, gargaarsa
biraa homaa hin qabdu turte. Nyaata xiqqoo yeroo argatte mucaadhaaf laattee, yoo hafe kun boodaaf sii ta'a jettee keessi mucaanis ati hoo?
Jedhee yoo gaafatu 'siif jedheen of dhiise' jettiin.

■ Mucaa isheef waan argatteen uffatasaa yoo jijjiirtuuf ati hoo? jedhee gaafata 'siif jedheen of dhiise' jettee deebistiif.

■ Haaluma kanaan mucaa ishee mana barumsaa galchite, inni guddatee yaaduu eegale, jireenyi haadha isaa waan itti dhagahamuuf yaada tokko murteeffate, barnoota isaa dhiisee hojii humnaa eegale. Haati isaa maaliif yaa ilma koo
anoo barattee bakka gaarii ga'uu keen hawwa maaliif maal taate? Jetteen innis deebisee ati naaf jettee of kee dhiisteetta dabaree koo ''siif jedheen of dhiise'' jedheen.

■ Hojii humnaa hojjatuun haadha isaa jiraachisaa osoo jiruu haati isaa dhukkubsatte, mana yaalaa yeroo galchu yaala isheef qarshii baay'ee gaafatame, wanti inni argatu nyaata isaanirra darbee homaayyuu oolchuu hin danda'u.
Doktoraan haati koo asuma haa ciiftu ani waanin argadhu walitti qabee nan yaalchisa
jedhee haadha isaa mana yaalatti gatee ofiif hojii humnaa oliif gad fiigee hojjatee galgala yoo inni deebi'u isheen dadhabdeetti.

■ Dhufee gurra isheetti jedhee harmee koo! Siif jedheen of dhiiseem ati naaf jedhii dhiisikaa jedhee hirqinfatee boo'e, ol jedhee gara waaqaa
ilaale haati koo naaf jettee of dhiiste anis dabaree kootti isheef jedheen of dhiise atis naaf jedhii haadha koo naaf dhiisi jedhee kadhata. Gidduu kanatti doktorri tokko ol seenee yoo ilaalu mucaa ilaalee dhaabbachuu dadhabee:-
Hin boo'in baasii isaa danda'ee harmee kee siifan yaala ittiin jedheen harmeesaa du'a irraa
hambiseef.

➠ Ol jettee dhaabbachuu keef sababa fayyina ishee taate
➠ Haatii kee siif jettee ofii ishee dhiiste ati hoo dabaree kee haadha keef maal gootee?
➠ Haadha hundumaa umurii dheeraa nagaa guutuun hawwa.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ