🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#2 Af-gaaffii, Gaafannoo (Interview) Hojiif Mindeeffamuuf Irra | GAGGEESSUMMAA

#2
Af-gaaffii, Gaafannoo (Interview) Hojiif Mindeeffamuuf Irra Deddeebiin Taasifamu:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➎. Dhaabbatichaaf maal gumaachuuf itti amantu (If you will employed, what role do you believe that may pay for company?):
➾ Yoon hojjetaa dhaabbatichaa ta’e gurmiidhaan hojjechuu keessatti tokkummaa garichaa(team work) cimsuu, dandeettii hojii cimsachuuf (Skill building) sochii taasifamu jajjabeessuu, waljijjiirraa muuxannoo hojii (Experience sharing) qorannoo fi projeektii (research and project) adda addaa hojii koo cinaatti hojjechuu, maammiltoota kabajuu fi haala ta’uun keessummeessuu (Respect and legality for customers) guddina dhaabbatichaatiif gahee isaanii akka bahan dubbachuu.

➏. Ciminni Keessan Maalidha? (What is your strength):
➾ Cimina keessan isa dhugaa ta’e ragaa bahaa! (waan ta’uudhaaf hawwitan utuu hin ta’in dandeettii qabdan himaa!) Hojii dorgomuuf jirtan irratti walqabsiisuun dandeettii qabdan dursitanii yoo ibsitan filatamaa dha.

➐. Ergamaa fi Mul’ata Dhaabbata Kanaa Beektuu (What are the Vision and Mission of this Organization?):
➾ Gaaffii kana deebisuuf dursanii itti qophaa’uu barbaachisa. Hojii itti dorgoman mul’ataa fi ergama isaa dursanii sirriitti beekuu qabu. Odeeffannoo kana argachuuf toora hawaasummaa yookiin marsariitii dhaabbatichaa irraa, beeksisa keenyaan dhaabbatichaa irratti maxxanfan irraa argachuun waan danda’amuuf utuu waa'ee waajjirichaa homaa hin barin akka hin galle ni gorfama. Odeeffannoo homaa illee argachuu yoo dadhaban ofiin deebisuu irra caalatti namoota naannootti dhiyoo irraa gaafachuun seenuun barbaachisaa dha.

➑. Maal Qabattee Gara Dhaabbata kanaa dhufte?
➾ Gaaffii kana yoo gaafatamte, Gaafataan seenaa kee qorachuuf barbaade miti. Rakkinaa fi mudannoo hojiirratti si mudatan akkamiin akka hoogganuu dandeessuu fi akka hojjetaa dhaabbatichaatti socho'uuf illaalcha akkamii akka qabdu baruufi.

➒. Maalif Si Qacarra? (Why We Hire You?):
➾ Gaaffiin kuni kan qaxxaamuraa (sodaachisuuf) gaafatamu miti. Garuu yoo gaafatamte gara carraatti dhufuu kee argisiisa. Yoomiyyuu of gurguruuf yookiin dandeettii kee nama mindessutti gurguruuf qindaa'insi barbaachisaan hin jiru. Hojiin kee deebii amansiisaa 3 (sadiin) walqabachuu qaba. Hojii itti qacaramte qofa hin hojjettu, bu'aa guddaa galmeesuuf, dandeettii ati hojjettoota waliin gareen ta'uun yookiin aadaa hojichaa kabajuun isaanii waliin hojjettuu fi mindeeffamaa warra kaadhimmaman kan ittiin caaluu dandeessu akka taatu akka ibsituufidha.

➓. Kana Dura Dandeettii Keessaniin Hojii Maal Hojjettan? (What Role Do You Have Payed Before with Your Profession?):
➾ Dandeettii amma ittiin qacaramuuf jirtaniin hojjettanii bu'aa akkamii dursitanii akka galmeessitan?

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ