🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Sammuun_Irreen_Oli! Qaamaan bilisa ta'anii sammuun gabroomuur | GAGGEESSUMMAA

#Sammuun_Irreen_Oli!
Qaamaan bilisa ta'anii sammuun gabroomuurra sammuun bilisoomanii qaamaan qabamuu wayya. Baay'een qaamaan qabamee sammuun garuu qabaadhaa oli. Kaanimmoo, qaamaan iddoo fedhe ooluu danda'ullee, yaadaan saanduqa namni biraan hojjeteefii keessa jiraata. Akkanaan gabrummmaa bilisummaa fakkaatu weeddisaa bara lakkaawwata. Hidhaan qaamaa irree keessa; kan sammuus sammuumarraati. Hamma abbaan hineenyamnettis, namni sammuu ofii nama jalaa akka fedhe godhatu hinjiru. Sababnisaas eenyuyyuu hidhaa ittiin sammuu nama biraa hidhu ofharkaa hinqabu.
Abbaan irree/humnaa, humnasaan nama reebuu danda'a; qabees iddoo barbaade nama geessa ta'a, garuu sammuu namaa ofharka galfachuunsaa waan hinyaadamne. Sammuun irreen oli! Humnaan jabaachuun yaadaan fagaachuu miti; yaadni kan sammuu qofaati! Kanaafuu, qaamakee tikfachuuf yookaan faayidaa yeroof, bilisummaa sammuukee nama biraaf hinkenniin. Sammuun bilisa bahe, qoricha waan hundaati. Warreen qaamaan qabamanii jiranis sammuun qabaman jechuu miti. Sammuun irreen oli! Harka hinkenniin!

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
~~~
@Orobook
@gaggeessummaa
@gaggeessummaa