Get Mystery Box with random crypto!

EMAIL AKKAMITTI BANAMAA? ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➛ Email warri hin qabne sa | GAGGEESSUMMAA

EMAIL AKKAMITTI BANAMAA?
▬▬▬▬
▬▬▬▬▬
➛ Email warri hin qabne salphaadhumatti bilbila keessan yookiin komputera keessan fayyadamuun akkamitti akka banuu dandeessan baruuf duraa duuba armaan gadii hordofaa!!!

→→→→↓↓↓↓↓

➊. Google irratti gmail jedhaa barreessaa... search godhaa!

➋. Sana booda erga search (mallattoo barbaadduu erga tuqxanii booddee) filannoo baay'ee isiniif fida... Isaan keessaa (Gmail sign in) kan jedhu xuqaa!

➌. Sana booda (Create account) kan jedhu tuqaa! Yeroo kana xuqxan filannoowwan armaan gadii lama isiniif fida.
➛ For my self fi
➛ To manage my business
Isaan kana keessaa isa Jalqabaa (For my self) kan jedhu xuqaa!

➍. Sana booda enter your name kan jedhutu isiniif dhufa. Inni kunis qabiyye lama qabda
➛ First name iddoo jedhutti maqaa keessan,
➛ Last name iddoo jedhutti maqaa abbaa keessanii barreessaa...
Sana booda NEXT ishee jettu tuqaa.

➎. Next erga jettanii booddee hima Enter your birth day & Gender jedhu aragattu. Kunis qabiyyee lama qaba.
➛ enter your birthday (guyyaa dhaloota keessan) iddoo jedhurratti... Ji'asaa, guyyasaa fi bara isaa guutaa!

➛ Gender Iddoo jedhurratti immoo saala keessan guutaa! Isa kana guutudhaaf mallattoon xiyyaa fakkaattu tokko box sana cinaa gadi garagaltee jirti. Ishee gadi yoo qabdan inniyyuu isin filachiisa. Yoo dhiira ta'e (Male ) isa jedhu yoo Durba taatemmoo (Female) isa jedhu filattu!

Sana booda NEXT ishee jettu xuqaa!!

➏. Erga next jettanii booda hima (Creat your own gmail address) jedhutu isiniif dhufa. Isa kana gadi tuqaa! Sana booda maqaa email keessanii kana booda itti fayyadamuu barbaaddan itti galchaa!
Fakkenyaaf... Maqaan kee Jabeessaa yoo ta'e,

Jabeessaa@gmail.com jettee barreessuu dandeessa.

Sana booda NEXT ishee jettu xuqaa!

➐. Erga next jettanii booddee
➛ Password isa jedhu irratti password salphaatti yaadachuu dandeessan garuu kan namni biraa qabachuu hin dandeenye galchaa! Password Lakkoofsotaa fi qubee keessaa makaa... Character 8 utuu gootani filatamaadha.

➛ Confirm iddoo jedhurratti isuma password keessatti guuttan irra deebi'aa guutaa!

Sana booda Next jedhaa!

➑. Sana booda barreeffama dheeraa tokko argattu. Barreffamicha asi gadi scroll yeroo gootan (gadii ooftan) jecha ( I agree) kan jedhu argattu. Isa gadi tuqaa!

Sana booda email keessan fayyadamuu dandeessu jechuudha.


FAAYIDAALEE EMAIL QABAACHUU

➛ Storage isaa 25GB dha. (iddoo kuusaa) guddaa qaba. Kana jechuun storage bilbilli keenya qabuu ol qabaachuu danda'a jechuudha. Kanaaf yoo bilbilli keenya storage isaa guute gara sanatti send gochuu dandeenya.

➛ Lafa internet jiru hundumaatti salphaatti hojjeta.

➛ Yeroo baay'ee akka tasaa bilbilli keenya yookiin computer keenya nu jalaa hatamuu yookiin format ta'uu danda'a.

Wanti kun nu qaqqabuu isaatin dura data achirraa qabnu gara email keenyatti erguu dandeenya. Yeroo barbaanne email kenya irraa buufachuu dandeenya. Bilbila namootaa bilbila keenya irraa qabnus gara sanatti erguu dandeenya. Keessattuu warra research hojettaniif sirritti barbaachisaa dha.

➛ Data barbaanne waliif erguudhaaf ni fayyada. Data storage isaanii gurguddaa ta'an kan telegram imo fi kan kana fakkaataniin erguu hin dandeenye karaa email namaaf erguu dandeenya. Fakkeenyaaf video GB guddaa ta'e erguuf...

➛ YouTube SUBSCRIBE godhachuudhaaf dirqama email qabaachuu barbaachisa. YouTube channel barbaaddan subscribe, comment fi share gochuudhaaf email qabaachuu qabdu. Kanaaf wanta akka salphaatti banamuu danda'u kanaaf jecha odeeffannoo irraa fagaachuu hin qabdan.

YouTube channel koos SUBSCRIBE gochuudhaan ergaalee fi barnoota isiniif darbu salphumatti argachuuf isin gargaara.

Hub:
lakkofsa bilbilaa tokkoon email baay'ee banachuu ni dandeessu.

➛ Duraa duuba kana hordofuudhan amma banadhaa!!!

➦ Gaaffii dhimma moobaayilaa fi komputaraa irratti yoo qabaattan @getpostbot nu gaafachuu dandeessu!

Share gochuu hin dagatinaa! Waan beeknuun wal haa barsiifnu!

@getpostbot

Computer Solution
@Computers_soln
@Computers_soln