Get Mystery Box with random crypto!

#Ilaalaa Gootni lubbuu laatee Jireenya Ijaare Dhalasaa fayyisu | GAGGEESSUMMAA

#Ilaalaa
Gootni lubbuu laatee
Jireenya Ijaare
Dhalasaa fayyisuuf
Jedhee kan cigaare
Leenci leenca caalu
Kan jechuu hinibsinee
Goota ija barbaada
Kan nyaara hin libsine
Du'a saggoo qabee
Kan nu tufsisiise
Balbaloota si'ool
Inni cufsisiise
Humni humnoota dhoree
Dugda du'aa kute
Lubbuu ijoollee isaatii
Gaanjur harkaa bute
Isinuu beektuwoo
Eenyu akka ta'e
Guyyaa meeqa turees
du'aa akka ka'e
Iyyesuus jedhama
Bakkalchichi barii
Kana naaf baraafan
Warri hin beekne tarii
Qooda du'uu keenyaa
Osoo inni nunduunee
Boolla buunee hin baane
Osoo inni nuun buunee
Silaa si'ool dhaquun
Funyaaniif afaanii
Garuu qaanii oolle
Iyyesuus qofaani

#Egaaaaa
Halkanni dheerateef
Bari'uu didaaree?
Garbimmoo galaanaa
Samiinis lafaaree?
Osoo bannee durii
Ammammoo hin bannaaree?
Biyya keenya hanqannee
Osoo hin ga'iin hafnaaree?
Qooda keenya du'ee
Luba nu baaseera
Lafa kufnee teenyuu
Dhufee nu kaaseera
Salphinni salphatee
Ulfinni ta'eera
Ofiis du'ee hinafne
Iyyesuus ka'eera
Yandoon osoo roobuu
Corortuu qeensanii
Baga ittiin isin ga'e
Baga naaf geessani

Gospel Singer Solomon Alemu


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ