Get Mystery Box with random crypto!

'YOON QAL'ADHEYYUU HIN CITU!' ▬▬▬▬▬▬▬▬ Mootii biyya tokkootu h | GAGGEESSUMMAA

"YOON QAL'ADHEYYUU HIN CITU!"
▬▬▬▬▬▬▬▬
Mootii biyya tokkootu hojjattoota isaa shaniif Gaala tokko walitti kenneefii ofirraa gaggeessa. Hojjattoonni kunnenis:
⁃ Abidda
⁃ Shimala
⁃ Bishaan
⁃ Dhugaa fi
⁃ Soba jedhamu.
Gaala kana erga fudhatanii booda soba gaggeessaa isaanii godhatanii lafa itti gaala kana addaan hiratan barbaachaf imala eegalan.
Utuma imala irra jiranuu Abiddi sobaan mee altokko sin barbaada jedhee duubatti hambifatee" Yaada tokkon qaba Gaala kana afur taanee akka addaan hirannuuf maafan shimala kana hin gubu" jedheen. Sobnis hojiin jal'inaa amala waan ta'eef, "tole haalan siif mijeessa nurraa guggubi!" jedheen. Abiddis haala mijataa barbaaddatee shimala sana guggube.

■ Ammas utuma arfan isaanii imalarra jiranuu bishaan sobaan "erga akkas ta'ee animmoo maafan Abidda kana dhaamsee balleessee gaala kana 3 taanee addaan hin hirannuu?"Jedheen. Sobnis yaada isaa kanatti baay'ee gammadee, "Tole kunimmoo yaada bareedadha nu biraa
dhaamsi hambisi!" jedheen. Bishaanis abiddicha dhaamsee barbadeesse.

■ Sana booda sadi ta'anii lafa itti gaala kana hiratan murteessudhaaf walga'ii taa'an. Sobni jal'ina tokko yaadee yaada tokko dhiyeesse."

Gaara gama sana jiru irratti deemnee addaan hirachuu qabna" jedhe. Dhugaan yaada isaa kanatti walii gale. Bishaan garuu yaada isaanii kana mormus caalmaa sagaleetin moo'amee karaa isaanii itti fufan.

■ Xiqqoo akkuma deemaniin gaara sana bira ga'an. Bishaan garuu gaaricha ba'uu waan hin
dandeenyef abdii kutatee jara lamaan biraa hafe.

Amma Gaalicha addaan hirachuudhaaf kan walitti hafe Sobaa fi dhugaadha. Isaanis erga gaaricha irratti ba'anii booda akkamitti akka addaan hirachuu qaban walga'ii godhatan.

■ Akkuma beekamu sobni jarjaraa fi jal'ina yaadudhaan waan beekamuuf" Gaalli kun qalamuu hin qabu lubbuudhumaan akkuma jirutti akka fudhachuu dandeenyutti miila isaa isa fuulduraa irrattii fi duubatti funyoo hiinee atis ni
harkista ani nan harkisa, namni dhumarratti moo'ate gaalicha fadhata" jedheen.

Sobni kan inni yaada kana dhiyeesseef foon isaa baay'ee furdaa fi dheerinni isaas guddaadha. Dhugaan garuu baay'ee qalloo tokkodha. Gaafa ilaalan waan qilleensaan kufu fakkaata. Sobnis dhugaadhan
haamilee isaa buusuf jedhee" Yaa dhugaa nana maalif amma kana qal'atta si dhukubamoo
maalidha? Nyaatahoo maaf hin nyaattu? Akka kanatti waan abdii qabdu miti" jedheen.

■ Yeroo kana dhugaan deebisee, "Yoon Qal'adheyyuu Hin Citu" jedheen. Sana booda yaada sobaa kanatti walii galee waldorgamuuf murteesse. Sobni funyoo isa duubaa qabate, dhugaan immoo funyoo isa fuulduraa qabatee harkisuu eegalan. Utuma harkisanuu sobni furdinaan dhugaa waan caaluf gaala sana gara ofiitti harkisee of biraan ga'e. Garuu gaalli nama itti madaqxe malee namni biraa gaafa itti bubu'u miilan nama dhidhiitti. Sana boodaka sobni gaafa gaala kana humnaan harkisee dhugaa harkaa baafatee of biraan ga'u gaalli karaa duubaa miila ishee olfuutee dhiitichoodhan soba macheessite.

Erga inni kufee booddees dhidhiittee
◉ Soba hamma sana ga'u sana,
◉ Soba shira meeqa xaxaa ture sana,
◉ Soba foon isaatti abdatee dhugaa waan moo'atu itti fakkaate sana lubbuu keessa
baastee du'e.

Akkasitti dhugaan qal'oon gaafa ilaalan gatii hin qabne fakkaattu sun haqa isheetti abdattee moo'ichan galte jedhama.

■ Kanaafikaa kan Dhugaan hin qallatti malee hin cittu jedhamuuf. Gaarri sobaan tuulame takka turee jiga.
Dirreen dhugaan irra jiraatummoo sana booda
mul'ata. Hundeen sobaa bubbulee goga. Umuriin
isaas gabaabdudha. Dhugaan garuu xiqqoo isheetu guddatee qal'oo isheetu furdatee
daddaraaree fagoo irraa mul'ata.

■ Kanaaf mandara sobaa ijaarratanii warri keessa jiraatan bor isumatu irratti jijjigee badduu baasa. Mandarri warra sobdootaa ho'aa fakkatuyyuu si hin dinqin! Akka fixeensatti takka turee diilallaa'a.

➛ Dhugaan Moo'ataadha.
➛ Dhugaadhaf jiraadhu!
➛ Dhugaadhaaf du'i!
➛ Dhugaan bilisa si baasa!

[Kanan dubbiserraa]

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ