Get Mystery Box with random crypto!

NAMOOTA NAMOOTATTI FAYYADAMAN! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➱ Namootni kun xiyyeef | GAGGEESSUMMAA

NAMOOTA NAMOOTATTI FAYYADAMAN!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➱ Namootni kun xiyyeeffannaan isaanii maluma
kamiinuu namarra aanuu fi faayidaa dhuunfaa isaanii adamsuu dha.
➱ Namootni kunis waan adamsan kana argachuuf (adda baasuuf) bakka dadhabina namaa arguu qabu.
➱ Of-jaallattota kana irraa of eeguun barbaachisaa dha. Wajjin hojjechuun illee dirqama yoo ta'e utuu walitti dhufeenya hojii ofii hin balleessin meeshaa namoota kanaa utuu hin ta'in itti fufuuf qabxiileen armaan gadii kun nama gargaaru.
→→→→↓↓↓↓↓
➛ Hariiroo nama sanaa wajjin qaban keessaa isa kamtu akka barbaachisaa ta'e sirriitti itti yaaduu fi beekuu. Sana booda hariiroo 'barbaachisaa ta'e sana qofa irratti xiyyeeffachuu dha.

➛ Walitti dhufeenya nama sana waliiniitti daangaa fi sarara barbaachisaa itti godhuu fi
daangaa sana walitti fufiinsaan kabachiisuu dha.

➛ Mirga ofii sirriitti beekuu fi hojii irra oolchuu, mirga tole yookiin lakki jechuu utuu hin sharafin raawwachuu dha. Akkasumas, qoosaa nama
xiqqeessu gaafa namatti darbatamu dhaabsisuu
(akka dhaabu ifaan itti himuu) danda'uu.

➛ Gaabbii hir'isuu - mala isaan ittiin waan namni hin feene ittiin nama gochisiisan keessaa tokko aarii yookiin muffii sobaatiin gaabbii namatti uumuu dha. Kanaaf aariii yookiin muffii nama sanaa "badii kooti" jedhanii ofitti fudhachuu dhiisuun fala.
Hanga miidhaa irraan hin ga'initti, miira nama tokkoof kan biraan gaafatamuu hin danda'u. Akkasumas, maal naan jedhuu baay'isuu irraa
of qusachuunis barbaachisa. Wanta namni siin jedhu ati bocuu hin dandeessu waan ta'eef.

➛ Gaafa waa murteessuuf gaafatamtu yeroo ga'aan akka siif laatamu gaafadhu! Sarduun
murtii dabaa si murteessisuun mala isaanii keessaa tokko waan ta'eef.

➛ Al tokko tokko sitti fayyadamuuf yaalaa jiraachuu isaanii irratti baruu kee malaan itti himuun illee barbaachisaa dha.

FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU.

Dr. Dawit (Psychiatrist)

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ