🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Bu'uuraalee Rakkina Gara Carraa Guddinaatti Jijjiiruuf Gargaar | GAGGEESSUMMAA

Bu'uuraalee Rakkina Gara Carraa Guddinaatti Jijjiiruuf Gargaaran┃Methods to change challenge to Opportunity
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Haala kamiyyuu keessatti ilaalcha kee sirressi malee namoota wajjin ofii kee hin madaalin! Namoonni ciccimoon waan kamiifiyyuu harka hin kennan. Rakkoo gara carraa guddinaatti jijjiiruuf (Change challenge to opportunity) Namoonni hubatoon madaallii armaan gadii kennu:

EENYUYYUU EENYUUN GADI MITI!

★ ️Inni tokko hospitaalaa gaarii fi sadarkaa isaa eeggate keessatti dhalate. ️Inni tokko immoo manatti yookiin afaa (siree) irratti dhalate.
⁃ Garuu lamaan isaanii gara addunyaa tokkoo dhufani!

★ ️Inni tokko siree gaariif bareedaa irra rafe. Tokko immoo lafa iddoo hin mijanne rafe.
⁃ Garuu lamaan isaaniyyuu hirriiba argatanii rafanii bulani!

★ ️Inni tokko uffata gatii guddaa (brand) ta'e uffata. Tokko immoo uffatuma gadi bu'aa uffata.
⁃ Garuu lamaan isaanii qullaa (qaama duwwaa) deemaa hin jirani!

★ ️Inni tokko konkolaataa gatiin isaa cimaa fakkeenyaf BUGATTI, Lamborghini, Lexus fi kan kana fakkaatan oofa. Tokko immoo konkolaataa uummataa konkolaachisa.
⁃ Garuu lamaan isaaniyyuu bakka ga'uu barbaadan sana inuma ga'u!

★ ️Tokko waan beela'eef laaqana (launch) gatii guddaa nyaate. Inni kan biraa immoo laaqana haftee (bullee) nyaate.
⁃ Garuu lamaan isaanii beeluma ba'ani!

★️ Tokko maatii baay'ee sooressa irraa dhalate. Inni kan biraa immoo maatii hiyyeessa gidduudhaa dhalate.
⁃ Garuu lamaan isaanii abbaaf haadha isaanii irraa chromosome 23 qixa fudhatani!

★️ Tokko magaala bareedduu fakkeenyaf Norway, Paris, Canada fi kan kana fakkaatan keessa jiraata. Inni kan biraa immoo baadiyyaa ifaan iyyuu keessa hin jirre keessa jiraata.
⁃ Garuu lamaan isaanii du'a hin oolani!

❏ Gammachuun waan ati qabdu (material) irraa madda miti! Gammachuun keessoo keetii kan maddudha. Kunis walitti fufiinsaan rakkoo si mudate wal'aansoo qabdee injifachuu irraa madda.

❏ Happiness doesn't come from having everything, but making the best out of what we have, it's' all about how we see ourselves..!!

❏ Happiness is not having what we like. Happiness is liking what we have and learning to make the most of it by giving it!

❏ Happiness is a state of mind!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa