🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

HUBADHU! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ◉ ‍Nama cimaa ta'i jechuun hin kufin jechuu | GAGGEESSUMMAA

HUBADHU!
▬▬▬▬▬▬▬▬
◉ ‍Nama cimaa ta'i jechuun hin kufin jechuu miti; kuftee ka'uu danda'uu qabda.

◉ Gammadaa ta'i jechuun hunda qabaadhu jechuu miti; waan qabdutti gammadi jechuu dha malee.

◉ Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaarii dha jechuu miti; jibba caalaa jaalalli hunda caala jechuu dha malee.

◉ Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti; Garaa keessatti haaloo kaawwachuun rakkina biraa waan qabuuf malee.

◉ Hojii jaaladhu jechuun hojiin ati amma hojjetaa jirtu gaarii dha jechuu miti; Boru akka hojiin gaariin si eeggatu hojii har’a hojjataa jirtu jaaladhu jechuu dha malee.

◉ Callisi jechuun hin dubbatin jechuu miti; kan biraas dhaggeeffachuuf gurra kenni jechuu dha malee.

◉ Abbaa garaa hin ta'in jechuun hin nyaatin jechuu miti; Haqa nama biraa hin nyaatin jechuu dha malee.

◉ Hin dallanin jechuun ati miira hin qabdu jechuu miti; dallansuu kee irraa dafii deebi'i jechuudha malee.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa