🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

JIREENYA QAJEELTOO JIRAACHUUF ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Gatii Barbaachisu Ba | GAGGEESSUMMAA

JIREENYA QAJEELTOO JIRAACHUUF
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Gatii Barbaachisu Baasuu:
Jireenya qajeeltoo jiraachuu ni jaalanna. Garuu mul'aticha bira gahuuf gatii baasuu baay'een keenya hin barbaannu. Wanti gatiidhaan argame baay'ee namatti tola. Kunuunsaniis qabatu.

❏ Dhiibbaa Uumuu: Jireenyi dhiibbaa uumuu gaafata. Dhiibbaa hin uumtu taanan dhalachuun kee maal fayyada.

❏ Dheekkamuu: Yeroo tokko tokko wantoonni hundi akka yaadame ta'uu dhiisuu danda'u. Hin dubbattu taanan warra hin jirre irraa maaliin adda taata?

❏ Hiriyaa Gaarii Qabaachuu: Namni karoora jireenya qajeeltoo jiraachuu qabu nama hundumaan fira miti. Warra isa waliin hin hiriirre waliin tarree hin taa'u.

❏ Humnaa ol yaaduu dhiisuu:
Humnaa ol yaaduu fi dhiphachuun sammuun akka jeeqamu godha. Kunimmoo dandeettii waan haaraa uumuu ni hir'isa.

❏ Karoora jireenyaa qajeeltoo namni qabu kaayyoo isaatiif malee miira isaatiif hin bitamu.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa