Get Mystery Box with random crypto!

ABDII KUTACHUU FI ABDII QABAACHUU !! ━━━━━━━━━━━━━━ ❏ Wantoota | GAGGEESSUMMAA

ABDII KUTACHUU FI ABDII QABAACHUU !!
━━━━━━━━━━━━━━
❏ Wantoota guddaa sodaachisoo ta'an keessaa tokko abdii kutachuudha. Utuu jiranii abdii kutachuun farra dhala namaati. Namni utuma lubbuun jiruu, utuu soorata nyaatee jiraatuu abdii kutata taanaan mataa isaattis, maatii isaattis, biyya isaattis, addunyaa irra jiraatuttis ba'aa sodaachiisaa ta'a. Kanaaf
abdii kutuurra mormaa cituu wayya. Sababni isaa jiraa abdii dhaberra isa du'e wayya waan taheefi. Ariifattee na jalaatii hin aariin ragaan waan deeggaramen dubbadhaa jiraati.
Inni du'e seenaa isaa, karoora isaa, waanuma isa ilaalu hundumaa fudhatee gara lafa jalaatti waan darbeef bu'aas miidhaas hin fidu.

❏ Jiraan abdii dhabe garuu bu'aa yoo dhabes miidhaa qabaafan, "jiraa abdii dhabe irra du'aa wayya" jedhe.
Namni Nyaata Addunyaa Kanaa nyaatee, dhugaatii ishee dhugee, biyyoo addunyattii irra miilla isaatiin adeemee, oksiijinii tolaatiin jiraatee faayidaa guutuu argachaa ofiisaatif faayidaa dhaba. Kanaaf addunyaan kun karaa nama kanaa kisaaraa olaanaa keessa jirti jechuudha. Adaraa kee obbolee koo hamma hafuura baafattutti abdii hin kutatin! Tolee? Waliif galleerra mitii?

❏ Goototni yeroo baay'ee karoora isaanii jijjiruu irra lubbuu isaanii kennu. Kana jechuun lubbuu isaanii caalaatti karoora isaanii jaallatu jechuudha. Karoorri kee qabeenya keeti, kanaaf karoora keef jiraachuutti abdii hin kutin.
Wantoota abdii nama kutachiisan keessaa tokko KUFAATII dha. Yoo itti fayyadamteef kallattiin milkaa'inaas kufaatiidha.
Sababni isaa namni kamiyyuu kufaatii irraa barachuu waan danda'uuf kufaatiin barsiisaa namaa isa hangafa.

Fakkeenya Namoota Kufanii Milkaa'anii Keessaa:
❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa karaa dhaabachuuf dhiisuun suma harka jira.
Haala yeroon jijjiirutti hirkatta taanan utuu ija hin godhatin hafta, seenaa kees biddeen ati nyaattee balleessiteef boolla awwaalaa isa si abaaraa hafu qofatu yaadata.

❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
➲ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
➲ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
➲ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
➲ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
➲ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
➲ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
➲ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
➲ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa