🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

JIREENYA KAAYYOO QABU JIRAACHUU CAALAA WANTI NAMA GAMMACHIISU | GAGGEESSUMMAA

JIREENYA KAAYYOO QABU JIRAACHUU CAALAA WANTI NAMA GAMMACHIISU HIN JIRU.
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Kaayyoon sababa uumama waan tokkoo ti. Fakkeenyaaf: Teessoon tokko irra taa'udhaaf uumame! Meeshaaleen nyaata itti bilcheeffamu... nyaata itti qopheessuuf tolfaman. Qorichi kan uumamu dhibee garaa garaa fayyisuuf. Akkuma kana addunyaa kana wantoonni garaa garaa sababa garaa garaatiif uumamu.

❏ ️Ati kan uumamte akkasumaan miti. Waaqayyo sababa lafa irratti si uumeef qaba. Akkasumaan jireenya kee lafa irratti jireenya kaayyoo hin qabneen in dabarsin! Jireenyi kaayyoo qabu nama gammachiisa.

Ati kaayyoo Waaqayyoof kan uumamte uumama addaati.

➬ Jireenya hiika qabu jiraachuu gaafa jalqabnu, haalota ulfaatoo moo'achuun ni salphata.

➬ Har'a wal'aansoo jireenyaa hadhaa'aa gochuun kee baay'ee jibbisiisaa yoo ta'ellee, Yaadadhu boru guyyaa guddaanii fi gammachiisaan fuula kee dura jira. Ati abdii qabda. Waan humna si buusu hundumaa dagattee nama jaalatamaa fi kabajamaa taata. "Don't lose hope!"

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa