🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

EENYUMMAA OFII JAALACHUU┃⁃ Ofitti gammaduun abdii jireenyaaf q | GAGGEESSUMMAA

EENYUMMAA OFII JAALACHUU┃⁃ Ofitti gammaduun abdii jireenyaaf qabdu guddisa.
⁃ Of jaalachuun dandeettii keessa kee baaftee akka itti hojjettu si taasisa!
⁃ Ofitti amanamummaa qabaachuun ija jabina siif kenna.

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Jiruu fi jireenya keessatti eenyummaa hin raafamne qabaachuun waan qaban irratti shakkii malee, amanamummaa cimaa horachuudha. Itti milkaa'uudha.

❍ Ejjennoo hin raafamne qabaachuun, ilaalchota dadhaboo naannoo keenya jiraniif fakkeenya gaarii ta'uudha. Ejjennoo ofiirratti cichoomanii argamuun kabaja, guddummaadha; bilchina!

❍ Ati waan itti amantee itti jirtu irratti kutannoo jabaa kan haalaan, jechaan, dhabaaf qabaachuun hin mamsine; kan jibbiif jaalalli hin shaarre qabda taanaan, qaroo yookiin namoota ejjennoo keef bakka kennuu jalqaban hedduu horatta.

❍ Jalqaba bifa keetiin namootaaf, haalota naannoo kee jiran biratti fudhatama argachuuf ati ofii waliin jiraadhu! Mudaa, hir'inaaf dadhabina qabdu qofa yaadaa hin jiraatin!

❍ Ati qixa namummaatti, qixa guutuu ta'uu keetti, qixa wanti hundi uumamaan siif kennamuu isaa yaaduu hin dandeenyetti, hiikni ati eenyummaa kee dhugaa waliin qabdu tasuma siif hin galin jira jechuudha.

❍ Bifti ati qabdu, ogummaa, hubannaa, jaalala, kabaja, beekumsa, dhugaa irraa fagoo jira taanaan gatiin kee ammallee xiqqoodha. Bakka ta'etti si gatee akka hin kaanetti si kuffisa. Ilaalchi kees akkasuma. Waan kamiinuu dorgomaa kan si taasisu sammuu keeti. Atiif eenyummaan kee dhugaa waliigaltee qabdu taanaan, humna, bareeda, simboo nama kamuu hawwatu, ofitti harkisu qabda.

❍ Waan namoota hedduu irraa adda nu taasisutti yeroo hunda gammaduun waan haaraa hojjechuu akka dandeenyu nu taasisa. Ofii keenya waliin gaafa tokko ta'uu jalqabnu waan qabnuuf, waan namoota hedduu irraa adda nu taasisu maraanuu of mararuu jalqabna. Ofitti gammanna.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa