Wantoota 10 kan Lukkuu irraa Barachuu Dandeenyu: @Nan_Baradha ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Utuu killee ishii irra oolmaa hin taain duratti killee gahaa hanqaaqxi/buusti. ⁃ KAROORA GAARII QABAACHUU/GOOD PLANNING ➋. Erga killee irra oolmaa taauu eegaltee, sosochii ni xiqqeessiti! ⁃ NAAMUSA/DISCIPLINE ➌. Yeroo Killee irra teessu sana kiiloo/ulfaatina ni hirifti. Sababni isaatiis nyaata ni xiqqeessiti. ⁃ WAREEGAMA KAFALUU FI FEDHII OFII DHIISUU ➍. Killee lukkuun biraa hanqaaqxe irra oolmaa hin teessu! ⁃ LOOGII DALAGUU DHABUU fi ARJUMMAA ➎. Guyyaa 21f obsaan eegdee killee irra teessi! Yoo killee san irraa ilmooleen uumamuu baatanis ammas deebitee killee hanqaaqxi. ⁃ AMANTII, ABDII FI JAGNUMMAA ➏. Killee ilmoo tauuf hin adeemne adda baaftee keessaa darbiti. ⁃ SALPHAATTI WAA HUBACHUU ➐. Killee tortore/shame dhiiftee, kunuunsa killee gara cuuciitti jijjiiramteef gooti. ⁃ OGUMMAA, DAMMAQIINSA FI QABATAMA JIRUU HORDOFUU ➑. Abbaan fedhe ilmoo ishii tuquu hin dandau! ⁃ JAALALA EEGUMSAA FI GAGGEESSUMMAA ➒. Ilmoolee ishii hanga gurguddatanii of dandaanitti hin dhiiftu! ⁃ GORSA KENNUU/BARSIISUU ➓. Ilmaan ishii hunda walitti qabdee deemtiini! ⁃ TOKKUMMAA KAAYYOO @Gaggeessummaa @Gaggeessummaa 4.2K viewsGetu Abera✟, 09:11