🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐢𝐥𝐞𝐞 𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐨𝐨 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐚 ┃𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐫𝐮┃ ▬▬▬▬ | GAGGEESSUMMAA

𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐢𝐥𝐞𝐞 𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐨𝐨
𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐚
┃𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐫𝐮┃
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊ "Yeroo namoota baay'ee arginu keessa jirra, garuu namummaa gahaa miti."

➋ "Yeroo namni sooressi daa'imman caalaa kutaa manaa baay'ee qabuu fi hiyyeessi immoo kutaa manaa caalaa daa'imman baay'ee qabu keessa jirra."

➌ "Yeroo bilbilli (smart phones) carraa addunyaa waliin wal argisiisuu uumanii, garuu warra cina kee (sitti dhiyoo) jiran irraa si fageessan keessa jirra.

➍ "Yeroo haati tokkittiin daa'imman 10f kunuunsa gootu, garuu daa'imman 10 haadha tokkittii isaaniif kunuunsa hin goone keessa jirra."

➎ "Yeroo sooressi nyaata bulleessuuf maayila tokko deemuu fi hiyyeessi immoo nyaata barbaachaaf maayila tokko deemu keessa jirra."

➏ "Yeroo maqaa namootaa baay'ee bilbila irraa qabnuu fi walitti dhufeenyi garuu dhiphaa ta'e keessa jirra."

➐ "Yeroo anummaan baay'atee, gammachuun dhabame keessa jirra."

➑ "Yeroo itti akkaataa jireenya gaarii jiraachuu beeknee, garuu akkamitti jireenya gaarii jiraachuun dagatame keessa jirra."

➒ "Yeroo itti baay'een gatii wanta hundumaa beekanii, garuu bu'aa isaa wallaalan keessa jirra."

➓ "Yeroo namoonni aangoo argatanii, garuu wal hoogganuu dadhaban keessa jirra."

Dhugumatti, Yeroon nuti keessa jiraannu yeroo walfaallesse dha. Haala yeroo kanaa irratti hubannoon akka jiraannu Waaqayyo nu haa gargaaru! Kan hiike Geetuu Abarraa

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa