Get Mystery Box with random crypto!

Iddoon Ati Har'a Jirtu, Bakka Ati Boru Itti Argamtu Miti. ▬▬▬▬ | GAGGEESSUMMAA

Iddoon Ati Har'a Jirtu, Bakka Ati Boru Itti Argamtu Miti.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Guyyaan hundumtuu carraa guddaa fi sadarkaa guddina koo kan dabalaniidha jedhii yaadi! Kisaaraa yaadaa keessa hin seenin. Salphina akka ulfinaatti hin fudhatin! Hin yaadda'in; dukkanni kee har'aa itti hin fufu. Namoonni abdii si kutachiisan baay'ee ta'uu danda'u. Ati garuu yoomillee ofii keetiif ilaalcha gaarii qabaadhu! Harka hin kennin! Ija hin laafiin hunda hin sodaatin!

⁃ Gadda boodatti si deebisu keessa hin seenin! Nama borii akka taate hin dagatin! Guyyaan borii ulfina baatee si eegaa jira. Ati nama abdii kutatee lafa har'a jirutti hafuu hin dandeenye akka taate hubadhu! Baga addunyaan nama akka keetii qabaatte. Si malee addunyaan guutuu miti. Hir'inni kee addunyaa kana baay'ee boodatti hambisa. IDDOON ATI HAR'A JIRTU, BAKKA ATI BORI ITTI ARGAMTU MITI!

⁃ Namni cimaan yeroo hunda cimina namaa dhugaa ba'a; fakkeenya godhata; namni dadhabaan garuu yeroo hunda dogoggora xiqqoo nama irra barbaaduu fi dadhabina namaa haasa’uun yeroo isaa guba. Ati isa kam keessa jirta?
#Yaa namana! Waa'ee namaa haasa’uun jireenya kee keessaa daqiiqaa tokko gubuu irra waa'ee kee sekondii tokko yaaduutu bu'aa siif qaba.''
➦ ωααи ᴅυввιfтαиιιf Gαℓαтσσмαα!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa