Get Mystery Box with random crypto!

Namoonni Baay'een @Kutannoo_123 ⩩ 'Ati hin dandeessu! Waan | GAGGEESSUMMAA

Namoonni Baay'een
@Kutannoo_123

⩩ "Ati hin dandeessu! Waan kanaaf gahaa miti, si mitii abaluuniyyuu ni dadhabe, Qarshii hin qabdu, hin dandeessu! Fira hin qabdu haala kamiin sadarkaa kanarra geessa?" jedhanii nutti hasaasu!

⩩ Namni mul'ata qabu garuu, waan haallii fi namni isaan jedhu otuu hin taane, mul'ata isa borii bira gahuuf utuu arguu akka hin arginee, utuu dhaga'uu akka hin dhageenyee ta'ee mul'ata isaa irratti xiyyeeffachuun galma yaade sana ga'uuf tattaaffata. Gaafas inni "Ati hin dandeessu" jechaa ture, milkaa'ina kee hojiin gaafa argisiistu deebi'ee harka siif rukuta.

⩩ Si mitiitii Yesuus Kiristoosiin iyyuu "maal kun mucaa Yooseef isa muka soofaa ture mitii?..." jechuun salphisuu yaalanii turani! Booda garuu gooftummaa isaaf jilbeenfataniiru. Walumaa galatti nama si tuffatutti "Ani akkasi!..." jettee faana hin haasa'in! Hojii kee ilaalee inniyyuu eenyu akka taate si baruuf jira, ati garuu galma yaadde irratti xiyyeeffadhu!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa