🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

HUMNA KUTANNOO @Kutannoo_123 ❏ Milkaa'ina keenyaaf wanti k | GAGGEESSUMMAA

HUMNA KUTANNOO
@Kutannoo_123

❏ Milkaa'ina keenyaaf wanti kutannoo bakka bu'uu danda'u tokkoyyuu hin jiru. Dandeettii ol'aanaa caalaa kutannootu barbaachisadha.

Namootni dandeettii ol'aanaa qaban garuu immoo milkaa'ina hin gonfanne addunyaa kana irra guutanii jiru. Akkasumas namootni sadarkaa barnoota ol'aanaa qabanis addunyaa kana irra guutanii jiru. Garuu namootni milkaa'ina gonfatan, namoota kutannoo qabanii fi hojii isaaniitti cichanii hojjetan qofaadha.

❏ Imalli daandii milkaa'inaa baay'ee ulfaataadha. Daandii milkaa'ina irratti gufuulee hedduutu si mudata. Gufuulee kanniin injifachuuf kutannoo qabaachuu qabda.

❏ Daandii milkaa'inaa irratti wayita kuftu, kaatee xiiqiidhaan fuulduratti tarkaanfachuu qabda. Injifattoonni dandeettii gufuulee jireenya keessatti isaan mudatan injifachuuf, dandeettii kufanii ka'uu qabu. Atis akkas goonaan ni injifatta.

⩩ Wayita rakkoon sitti baay'atu,
⩩ Wayita karoorri kee akka ati yaaddetti deemuu didu,
⩩ Wayita daandiin jireenya kee gaara sitti fakkaatu,
⩩ Wayita galiin kee gadi bu'ee baasiin kee olka'u,
⩩ Wayita kolfuu barbaaddu garuu waan si kofalchiisu dhabdu,
⩩ Wayita jireenyi qabdee boodatti si harkiftu,
⩩ Wayita waan gootu dhabdee qalbiin kee muddamu,

Yoo dadhabde xiqqoo boqodhu malee gonkumaa hojii kee hin dhaabin!

❏ Amalli jireenyaa beekamaa miti! Jireenyi gaafa feete ol si kaasti; gaafa feete immoo boollati si darbiti; sababa kanaan kufaatiilee biroon wal guuranii sitti dhufu!

❏ Jabaattee hojjennaan garuu akkanatti hin hafu. Wayita waan injifatamte sitti fakkaatu, addunyaan kun sitti dukkanooftu, gonkumaa abdii hin kutatiin!

» Jabaadhuu furmaata barbaadi!
» Shakkiin daandii milkaa'inaa dukkaneessa,
» Waan dhihoo fagoo fakkeessaa,
» Waan salphaa guddisee si yaaddessa,
» Kanaaf, wayita hojiin sitti ulfaatu,
» Jireenyi kee gaara sitti fakkaatu,
» Xiiqii qabadhuu loli malee, natti ulfaate jettee gonkumaa hin dhiisiin!

♡   ❍ㅤ   ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ

ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

Facebook page: https://www.facebook.com/Gaggeessummaa?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v