Get Mystery Box with random crypto!

KAAYYOO DHAABBATAA MALEE RAKKOO DHAABBATAAN HIN JIRU! @Gaggee | GAGGEESSUMMAA

KAAYYOO DHAABBATAA MALEE RAKKOO DHAABBATAAN HIN JIRU!
@Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✪ Wantonni jireenya dhala nama jijjiruu danda'an hedduun galma hin ga'iin kan hafan abdii kutannaa dhala namaa irraa kan ka'edha.

✪ Namni mo'u abdii hin kutatu; namni abdi kutatu immoo hin mo'u

✪ Waan tokko hojjechuuf yaaltee itti milkaa'uu yoo baatte, sun kufaatii otoo hin taane muuxxannoodha; muuxxannoo sana irraa immoo waan tokko baratta.

✪ Fayyaa guutuu qabaannaan abdii kutachuuf sababa tokkollee hin qabdu.

✪ Jireenya kee keessatti sagalee wacaa naannoo kee jiruuf Iddoo hin kennin!

✪ Qeeqa namootaa sodaachunis kaayyoo kee irraa gara boodaa hin deebi'in! Hojii kamiyyuu yoo hojjette, gaarii ta'uu hamaa namoonni si qeeqan yeroo hundaa ni jiru.

✪ Jireenya kee keessatti raawwattee namoota kaaniin hin madalin! Eenyuun iyyuu hin dorgomin! Ga'umsa dhokataa keessa kee jiru gad baastee ittiin hojjechuuf qofa of dorgomi! Milkaa'ina kees ta'ee kufaatii kee kan nama biroon hin dorgomsiisin!

✪ Namni kan ittiin madaalaman madaallii sirriin namummaa isaa qofa. Sanaan ala madaalliwwan jiran hunduu madaalliwwan dogoggoraati.

✪ Qormaanni ati qoramtu kan namni qoramee hin beekne miti. Haa guddatu haa xiqqaatus namni kamiyyuu rakkoo mataa isaa qaba. Kanaafuu, haala keessa jirtu ilaaltee abdii hin kutiin!

✪ Kaayyoo dhaabbataa malee rakkoo dhaabbataan hin jiru!

♡   ❍ㅤ   ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ

ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

Facebook: https://www.facebook.com/Gaggeessummaa?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v