Get Mystery Box with random crypto!

Yaadni Ati Mataa Keetiif Qabdu Murteessaadha | @Nan_Baradha ➮ | GAGGEESSUMMAA

Yaadni Ati Mataa Keetiif Qabdu Murteessaadha | @Nan_Baradha

➮ Filannoo fi ejjennoon ati ofiif qabdu maalidha!

❏ Namoonni baay'een waa'ee namoota biraa beeku; waa'ee isaanii garuu ni dagatu.

"Akka isaatti (isheetti) utuun jiraadhee wanti hundinuu naaf salphaa ture," yommuu jedhan dhageenya. Akka mataa ofiitti jiraachuu dagatanii jireenya nama kan biraa jiraatu.

⩩ Akkuma jireenya namoota kan biraa jiraachuu hawwitu adeemsa keetis namoonni kanneen biraa akka adeemuu jaalatan gochuu ni dandeessa.

⩩ Filannoo fi ejjennoon yookiin ilaalchi ati ofiif qabdu galma keetiif murteessaa dha.

QABXIILEE GURGUDDOO EJJENNOO MATAA OFII ITTIIN GUDDIFATAN:

Jaalannus, jibbinus jireenya guyyaa guyyaa keenya keessatti murtoo ittiin gara fuulduraatti adeemnu ni murteessina! Qabxiilee armaan gadii beekuun murtoo fudhannu irratti cimina dabala.

⓵. Waan ta'uu barbaaddu beeki!
⓶. Gorsa nama irraa fudhadhu, madaali, garuu murtoo mataa kee fudhadhu!
⓷. Karaan yookiin adeemsi kee maal akka ta'e caalmaatti hubachuuf tattaaffii godhi!
⓸. Yaada kee dhaggeeffadhu!
⓹. Akka karaan kee sirrii ta'e sammuu keetiif mirkaneessi!
⓺. Ofitti amanuu of barsiisi!
⓻. Namni hunduma dursitee itti amanuu qabdu mataa keeti. ("The person you need to trust first is yourself")

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha