Get Mystery Box with random crypto!

Akkamitti Ofitti Amanamummaa Guddifna? (How to boost self conf | GAGGEESSUMMAA

Akkamitti Ofitti Amanamummaa Guddifna?
(How to boost self confidence?)

@Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Nuti kan dhalanneef akka of jibbinuuf miti! Akka of tuffanuufis miti. Namni kamuu gatii qaba. Si bira darbee jiraachuu keetti namoonni gammadan hedduudha!
Kun ta'ee osoo jiruu namoonni hedduun iddoo gadi aanaa yeroo ofiif laatan ni mul'atu.

❏ Ofitti amanamummaan xiqqaachuun waan silaa argachuu qabnu hedduu nu dhabsiisa. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irrattis dhiibbaa guddaa dhaqqabsiisa.

Ofitti Amanamummaa Kee Cimsuudhaaf Wantoota Gochuu Qabdu:

➊. Ofii keetiif gaarii ta'i!
➋. Akkuma namoota birootiif iddoo laattu ofii keetiifis iddoo qabaadhu!
➌. Ofii kee jaaladhu, of kunuunsi! Ofii keef yaadi! Nama biroo jaalachuudhaaf of jibbuun dirqama miti. Ofis jaalataa nama biroos jaalachuun ni danda'ama.
➍. Ofii kee nama biraa waliin hin madaalin! Karooraa fi galma kee irratti xiyyeeffadhu!
➎. Eenyus guutuu miti. Yeroo yeroodhaan hanga dandeesse of fooyyessuudhaaf yaali malee, guutuu ta'uun qaba jettee of hin dhiphisini!
➏. Namni kamuu dogongora uumuu akka danda'u yaadadhu! Kan dogongoru si qofa miti!
➐. Waan jijjiiruu dandeessu irratti xiyyeeffadhu! Waanuma hundaa gochuun qaba jettee humnaa fi yeroo kee hin fixin!
➑. Waan si gammachiisu hojjedhu!
➒. Moo'annoo xiqqoo argatte hin tuffatin! Kabajachaa fi guddifachaa deemi malee.
➓. Ati namoota birootiif nama barbaachistu akka taate hin dagatin!
⓫. Namoota ofitti amanamummaa kee akka cimsituuf si gargaaran hiriyoomfadhu! Namoota abdii si kutachiisan irraa fagaadhu!

༄ Dadhabina kee ishee xiqqoo ilaaltee of tuffachuu osoo hin taane cimina kee irratti xiyyeeffadhuutii of jabeessi!
༄ Of hin xiqqeessin!
༄ Sodaa sodaachisi!
༄ Ofitti amanamummaa qabaadhu!
༄ Gaara ofii keetii of irratti ijaarte ofuma keetii diigi!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa