Get Mystery Box with random crypto!

Boqonnaa Sammuu Keetiif Dursa Kenni: ⓵. Sammuun boqonnaa qabu | GAGGEESSUMMAA

Boqonnaa Sammuu Keetiif Dursa Kenni:

⓵. Sammuun boqonnaa qabu hojii gurguddaa hojjeta.
⓶. Kalaqa gurguddaa dhaloonni bara baraan itti fayyadamee jiraatu kan uumu sammuu boqonnaa qabuu dha.
⓷. Yaada gaarii addunyaa borcamaa jirtu kanaaf furmaata hunda biratti fudhatamu kan oomishu, nama xiin-sammuu isaaf iddoo kenne dha.
⓸. Iddoo guddaa sammuu keetiif kenni!
⓹. Yaada xinnoo ofii keetiif gonkumaa hin qabaatin! Waan xiqqoodhaanis of hin madaalin!
⓺. Yaada namoota hundaa hin deeggarin! Yaada sammuu keetii addatti dhaggeeffadhu!
⓻. Namni dhugaa dhaga'u, dhugaa dubbachuudhaan addatti hin ilaalamu.

⓼. Guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa 15f iddoo tasgabbaa'aa turuun yaada sammuu keetii dhaggeeffadhu!

⓽. Wanti hundumtuu harka kee keessa jira. Jireenya sitti kenname itti fayyadami! Hundumtuu bakka jirutti gammadee jiraata.

⓾. Sammuu kee irratti dhiibbaa uumuu dhaan haala kamiyyuu moo'attee jiraachuu akka dandeessu siif mirkaneessa.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa