🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Gorsa xinnoo kana HUBADHU! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Namaaf jettee yeroo kee | GAGGEESSUMMAA

Gorsa xinnoo kana
HUBADHU!

▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namaaf jettee yeroo kee hin gubin!
➥ Jaallatamuufis ta'ee jaalachuufis jettee hin
rakkatin! Kan eenyummaa kee beeku si jaallata.
➥ Waan gaarii gootu hunda gatii isaa ilma namaa irraa hin eggatin waaqarraa galata argatta.
➥ Nama tokko jaallattee yoo dhabde itti hin gaddin sababni isaa waaqayyo nama sana akka inni siif hin taane waan beekuuf sirraa qabe.

JAALALLI DHUGAA:
▷ Dhoksaa hin qabu.
▷ Gaabbii hin qabu.
▷ Jibba hin qabu.
▷ Wal tuffii hin qabu.
▷ Wal komii hin qabu.
▷ Walitti mufachuun yoo jiraates walirraa fagaachuu hin qabu.
▷ Jaalalli dhugaa onnee qulqulluu qofa barbaada.

HIRIYAAN GANTUUN WAA SADII (3):
➊. Qoree bishaan keessaa
➋. Bofa marga keessaa
➌. Summii midhaan keessaati.

HIRIYAAN DHUGAA WAA SAGAL(9) Garuu salgaan sun bakka sagaltama siif gaha.
➊. Abdii jiruu
➋. Obsaa jiruu
➌. Gorsaa jiruu
➍. Qajeelchaa karaa
➎. Dawaa sammuu
➏. Irkoo guyyaa rakkoo
➐. Galma geessaa kaayyoo keeti.
➑. Jajjabeessaa hojii keeti
➒. Gorfataa karaa guddinaa

➲ Hiriyyaa sobaa mannaa diina dhugaa wayya. Maaliif seete, diina akka diinatti beektee irraa
fagaatta. Garuu hiriyaan gadheen si fakkaatee si
nyaata.

Kaayyoon Hiriyaa Gadhee:
➊. Jireenya kee balleessee namaa gadi si godhuu.
➋. Agartuu kee jamsee ija kee balleessuu.
➌. Miila kee mummuree tarkaanfii si dhorkuu.
➍. Harka kee si hidhee hojii irraa si hambisuu.
➎. Sammuu kee maraachisee baasee si salphisuu.
➏. Jaarsaa fi Jaartii Addaan baasee kophaatti si hambisuu.
➐. Fuudhaa fi heeruma dhorkee manatti si hambisuu.
➑. Uummata keessatti maqaa kee xiqqeessuu dha...

HIRIYYAAN DHUGAA HOO?
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
➊. Karaa hamtuu irraa si gorsee karaa qajeeltuu siif hawwa.
➋. Yoo gaarii hojjatte gammachuu siif qaba.
➌. Yoo ati rakkatte si wajjin cinqama.
➍. Bakka ati hin jirretti toltuu kee haasa'a.
➎. Utubaa siif ta'ee mana siif ijaara.
➏. Olfuudhee si baatee tabarra si dhaaba.
➐. Kabaja siif laatee maqaa kee ol qaba.
➑. Gammachuu kee gammadee, gadditus si wajjin gadda.
➒. Dhibee kee hundumaaf qoricha.

Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ