Get Mystery Box with random crypto!

YAA ARRABAA! ▬▬▬▬▬▬▬▬ Ati lafee hin qabdu garuu lafee cabsit | GAGGEESSUMMAA

YAA ARRABAA!
▬▬▬▬▬▬▬▬
Ati lafee hin qabdu garuu lafee cabsita
Ilkaanuma soddomii lama gidduu teessee
haqaaf dhugaa dabsita.

┈┈┈••❖••┈┈┈

Qaamni miiraa hundinuu
aarii keetiin finiinee
Maal fidda laata? utuu ilkaan soddomii
lamaan sun wolii galee si ciniinee!

┈┈┈••❖••┈┈┈

Gadi fuutee salphifta beekaa
namaa fi hayyuu
Madaan ati madeessite bara
baraan hin fayyu.

┈┈┈••❖••┈┈┈

Yoo feete ol fuutee faarsita hattuu fi gantuu namaa
Ati tokkittiidha yaadnii fi bifti kee lama.

┈┈┈••❖••┈┈┈

Ijji, gurrii fi funyaan sababa kee yakkama
Qaama namaa guutuuyyuu
situ taasisa shakkamaa!

┈┈┈••❖••┈┈┈

Keessi kee summiidha
gubbaan kee fooniin haguugame
Sababa keetiin nama meeqatu
lafarraa daguugame!

┈┈┈••❖••┈┈┈

Si too’achuu dadhabee
gad si dhiise namatu
Qaama miiraa keessaa
si’i kan nama hamatu.

┈┈┈••❖••┈┈┈

Isa kaanitti damma biiftee
faaruu sobaatiin sirbisiifta
Obbolaa wal jaalatan ilmaan
haadha tokkoo wal jibbisiifta.

┈┈┈••❖••┈┈┈

Badiin ati qabdu baay’eedha
yooman danda’ee barreessa
Akka hojii keef silaa mureen
of keessaa si balleessa.

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ