🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

KUFAATIIN DAANDII MILKAA'INAA TI. ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ■ Namni wangeelaaf | GAGGEESSUMMAA

KUFAATIIN DAANDII MILKAA'INAA TI.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ Namni wangeelaaf hojjechaa ture tokko akkas jedha:

"Rakkattee osoo hin milkaa'in hafte yoo ta'e, kan si booda milkaa'u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta'e garuu si dura nama rakkatetu ture." jedha.

■ Dubbiin namicha kanaa 100% dhugaa dha.
• Maalifan milkaa'uu dhabee?
• Maalif milkaa'inni ana irraa fagaatee?
• Maalif kufaatiin natti baay'atee? Jettee Komii ofii kee irratti nama irrattii fi waaqayyo irratti hin kaasin!

• Yoo ofii kee rakkattee, dadhabdee milkaa'uu baatte, rakkina kee kanatti ilmi kee, dhaloonni si boodaa milkaa'uu danda'a.

Fakkeenya tokkon siif fudhadha.

■ Seenaa Dr. Maartiin Luuter King Juuniyeer waan beektu natti fakkaata. Inni bara isaa waggaa 38 jiraate keessatti mirga walqixxummaa gurraachotaaf falmu hoogganaa ture. Sababa kanaaf yeroo baay'ee mana hidhaatti darbatamaa akka ture rakkinni gurguddaan isa irra gahaa akka ture beekamaa dha. Haa ta'u malee mirgi gurraachotaa kabajamee, warri adii fi gurraachonni mirga walqixaa qabaatanii akka jiraatan osoo hin argin lubbuun isaa addunyaa kana irraa namoota badiin dabarte. Garuu inni ofii isaa rakkachaa turee milkaa'ina rakkoo isaa osoo hin argin du'u iyyuu, har'a ilmaan isaa bu'aa rakkina isaatii dhamdhamaa jiru.

■ Ilaali rakkina kee har'aa kana ilaaltee abdii hin kutin!

Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.

Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.

■ Hammuma kufaatiin sitti baay'atu milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!

■ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha.

■ Imala gara milkaa'inaatti deemuu kee, karaa milkaa'inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.

■ Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta'e, jabaadhu ati karaa milkaa'naa irra jirtaati. Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta'e ati milkaa'ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha.

■ Namni osoo hin kufin milkaa'e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa'e dha.

■ Kufaatiin hammuma si mudachaa deemu; ofitti amanamummaa kee cimsaa, waan darbe irraa barachaa, karaa kaleessa irratti kufte irra akka hin deddeebine hubachaa, karaan biraa akka jiru xiinxalaa akka deemtu si gargaara.

■ Kanaaf kufaatii hin jibbiin kufaatiin daandii milkaa'inaa ti.

• Jireenya kee jijjiruuf sammuu jijjiiramaan har'a jijjiirama eegali!

Hirphaa Fayyisaa, 2020

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN