Get Mystery Box with random crypto!

Amalli Namoota Ciccimoo Garuu Akkas Miti. ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Namootni | GAGGEESSUMMAA

Amalli Namoota Ciccimoo Garuu Akkas Miti.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namootni ciccimoon kaayyoo sirrii ta'een gaggeeffamu. Kaayyoo isaanii kanaafis bulu. Gochi isaan guyyaa guyyaatti hojjetan, dubbii isaan dubbatanii fi barreessan hedduun isaa qaama kaayyoo isaanii kanadha. Sammuu isaanii fi hubannaadhaan gaggeeffamu malee oduu namaan hin bulan. Namoota akkasii irrattis ta'ee biratti yoo odeeffamu, isaaniin hin ajaa'ibu. Wanti ta'aa jiru hedduun isaa wanta isaan duraan yaadaniidha. Maal akka yaadan, maal gochuu akka qaban, rakkoo tokkoof maddi isaas falli isaas maal akka ta'e buusanii baasanii yaadu. Namoota furmaataati malee rakkoo-uumtota miti.

❏ Namoonni ciccimoon, wanti hojjetamuu fi odeeffamu kam iyyuu fedhii isaanii malee akka dhiibbaa hin taane irratti hin godhanneef of eeggatu. Maal akka dhaggeeffatan, maal akka dubbisan, maal akka dubbatan, maal akka raawwatanis bareechisanii beeku.

❏ Amaloota namoota bebbeekoo keessaa inni biraan tokko immoo, yeroo hundumaa sammuun isaanii banaadha. Beekumsa dabalachuuf, ogummaa fi dandeettii dabalachuuf, gabbifachuuf yeroo hundumaa banaadha. Wanta gaarii irraas, wanta hamaa irraas wanta baratan qabu. Maal akka godhanis irraa hubatu malee ittiin hin miidhamani.

❏ Cimina isaanii namoota duratti mirkaneessuufis hin dhiphatani. Namootni yoo isaan hubatanis hubachuu baatanis, isaan, irra caalaa waanuma gochuu qaban godhu malee haalaa fi oduudhaan hin jeeqamani.

❏ Of hin tuulani. Siluma iyyuu cimoo waan ta'aniif, ofii isaanii fakkaatu malee, akka nama cimaa hin taanee nama cimaa fakkaachuuf yaaluuf of hin tuulani. Amalli hamma ofiin alatti of tuuluus, amala nama cimaa hin taanee akka ta'e bareechanii beeku.

❏ "Of hin jajanis." Hojiin isaanii inni gaggaariin akka isaan boonsu waan beekaniif, ofiin of leellisuuf hagas mara hin dadhabani.

❏ Amalootni namoota ciccimoo fi ciccimoo hin taanee illee hedduudha, ammaaf garuu kanuman tuquu barbaade. Mee isin immoo maal jettu? Yaada kana keessatti of ilaaltaniittuu? Madaaltaniittuu?

Abdii Ab

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN