Get Mystery Box with random crypto!

Getu Official

Logo of telegram channel getu_official — Getu Official G
Logo of telegram channel getu_official — Getu Official
Channel address: @getu_official
Categories: Psychology
Language: English
Subscribers: 3.93K
Description from channel

WE ARE HERE
to love!
to serve!
to inspire!
to support!
to live truth!
https://www.youtube.com/@Grace_Media24
✍️ @Getpostbot
✍ @Getu_Abera

Ratings & Reviews

2.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

1


The latest Messages

2022-08-28 22:43:12 MILKAA'INA WALMADAALE

"...Nuyi abdii amanamaadhaa fi cimaa qabna;"
— Ibr. 6:19

Lafa kana irratti namni akeeka uumameef beekee jiraatu akkuma muraasa ta'e namoonni kaayyoo jiraataniif beekanii galma barbaadan gahanis muraasa. Asitti kan waliin ilaallu milkaa'ina barbaadan bira gahuuf dursanii maal gochuu akka barbaachisudha.

Milkaa'inni lafa kana irraa ija hafuuraatiin gaafa ilaalamu, milkaa'ina walmadaale ta'uutu irra jiraata. Milkaa'ina walmadaale jechuun jireenya fooniif kan barbaachisu hundi jireenya hafuuraa akka hin miinetti eeggachuu jechuudha. Luqaas. 9:25 irratti "...namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, Iubbuu isaatti yoo hir'ise, yoo of balleesses, bu'aan isaa maaliree?" akkuma jedhu, akka ta'utti yoo itti hin fayyadamne biyyi lafaa wantoota lubbuu keenya miidhaniin kan guutamtee dha!

Biyya lafaa kana irra hamma jirrutti jireenya foonii fi hafuuraatti milkaa'uuf akka ta'utti irratti hojjechuun nuuf kennameera!

Lafa kana irratti inni tokko milkaa’aa ta’ee inni kan biroo immoo waan yaadetti utuu hin milkaa’in kan hafuuf sababni yoo jiraate:
➛ Dandeettii kaka’uumsa milkaa’inaaf qabu,
➛ Tattaaffii waan tokko fiixan baasuuf godhu,
➛ Mul’ata qabaachuu,
➛ Abdii kutachuu dhiisuu,
➛ Akkaataa itti fayyadama yeroo fi kan kana fakkaatan murteessuu fi irratti hojjechuuni.

Dhalli namaa hundumtuu walqixa kennaa adda addaatiin badhaafameera. Kunis sammuu ittiin yaadu, harka ittiin hojjetu, yeroon isaaf kennames wal qixxeedha.

Har'a Gaaffilee Kanneen of gaafachuun kutaa Jireenya kee isa murteessaatti akka adeemtuuf sin jajjabeessa!
➛ Maalifan uumame?
➛ Jireenya koo irraa faayidaa akkamii argachuun qaba?
➛ Namni jireenya koo irraa maal barata?
➛ Fakkeenya gaarii dhalootaaf ta'uudhaaf maal gochuun qaba?
➛ Karooraa fi mul’ata kee irratti hojjechuuf maal gochuu akka si barbaachisu tarreeffadhu?

@Getu_Official
@Getu_Official
342 viewsGetu Abera✟, edited  19:43
Open / Comment
2022-08-28 21:01:11 ❏ "Nuti karoora hin qabnu taanaan namoota karoora qabanitu nu irratti hojjata."
@Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
๛ MUL'ATA MATAA KEE,
๛ KAROORA MATAA KEE,
๛ KAAYYOO MATAA KEE QABAADHU!

❍ Namni karoora cimaa karoorsee karoora isaa sana hojii irra hin oolchinee fi namni karoora hin qabne tokkuma.

❍ Karoorsuun qofti immoo bu'aa hin qabu. Karoora karoorsaniif amanamaa ta'uun, waan nama irraa barbaachisu hundumaaf aarsaa kanfaluun hojiirra oolchuu barbaachisa.

Kana gochuu baannaan garuu umurii harka namaa eeggachuu hin qabnetti harka namaa eeggachuu, yeroo ergachuu qabanitti ergamuu, yeroo hogganuu qabanitti hogganamuu, iddoo kabajamuu qabanitti xiqqeeffamuu namatti fiduu danda'a.

❍ Utuu akka namaa gaarii uffatanii, nyaatanii, dhuganii gammaduu hawwanuu, hamilee qofaan darbuu, utuu humna ofiitti fayyadamuun mul'ataa fi kaayyoo ofii hin dhugoomsin, utuma kan namaa ilaalanii hawwanii jireenya ofii gadi qabuun, addunyaa irraa darbuu Waaqni nama haa baasu!

Karoorsanii karoora ofiis hojiin miidhaksuudha. Nama tahuu barbaannaan akkasumas galma gahuu barbaadaniif hojjechuuf karoora ofiitiif amanamaa tahuun hunda caalatti nama milkeessa!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
159 viewsGetu Abera✟, 18:01
Open / Comment
2022-08-27 19:50:19TORTORI!
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Eeyyee har'a akka ati tortortuufin si jajjabeessa!

❏ Sanyiin biqilaa tokko gaafa facaafamu biyyee fi kosii keessatti darbatama. Darbatamuu qofa miti biyyeen itti deebi'ee awwaalama! Erga awwaalamees gogaan isaa biyyeen nyaatamee tortora. Sana booda erga dhaqni isaa dhumee micireen keessaa quqquuquu jalqabdi! Quqquuqxees mataa baafattee biyyee isa dhaqna ishee ajjeese sana saaqxee ol baati. Ni guddatti! Sanyii tokko taatee awwaalamtee heddummattee biqilti. Awwaalamuun in daangessine! Gogaan ishee nyaatamee du'uunis ulfaataa ture garuu, micireen sun akka dhiphinatti bartu godhe. Gogaan ishee yeroo du'u akka micireen sun daftee biqiltuuf xaa'oo ta'e.

⁃ Argitee, utuu gogaan midhaan kanaa in tortorin micireen tasa biqiluu hin dandeessu! Atis sanyiidha. Micireen sammuu keeti. Haaloti hedduun yeroo yeroon dhufanii waraanuun si madeessaa oolu. Madeessanii si dirmammeessu. Gaafa damdamadheera jettu, ammas akka madaa jaldeessaa tuttuqanii kulkula kee boossisu.

⁃ Hubadhu, ati kana hunda ciniinnattee darbuu qabda. Yoo bifti kee xuuxamee jijjiiramu, namummaan kee gadi adeemu, micireen kee mataa baafachaa jirti! Kanaaf jabaadhuutii TORTORATTI of kenni! Eeyyee tortori! Sana booda xaa'oo argattee miciree keetiin biqilta. Kan biqiluu danda'u gogaa miti, qola miti. Micireedha.

╔══════╗
Miciree!√√
╚══════╝

⁃ Qolli akka ati hin biqilleef danqaa sitti ta'aa ture sun gaafa du'u xaa'oo ta'ee guddina kee saffisiisa. Kanaaf gogaa keetiif hin boo'in haa tortoru. Biqiltee argamuuf imalarra jirta waan ta'eef abdii hin dhabin! Aggaammii kee isa eegalte harkaan qabattu malee hin aboottifatin! Tortoruu in barbaaddu taanaan, biqiluus hin yaadin! Biqiluuf Tortori!

STAY CONNECTED!
┃┃┃@Gaggeessummaa
┃┃@Gaggeessummaa
┃@Gaggeessummaa
╚══════════════
13 viewsGetu Abera✟, 16:50
Open / Comment
2022-08-27 16:17:00 Kottaa Waa'ee Yesus Kristos dhugaa macaafa qulqulluu waltaanee labsinaa!!!

Nu waliin hojjechuuf namoonni barbaaddan channel keenya isin affeeree jira!
Adminidhaaf @Getu_Abera yookiin @Getpostbot
qunnamaa!
Galatoomaa!
97 viewsGetu Abera✟, 13:17
Open / Comment
2022-08-26 10:03:50 Kan Nuuf Malu Jireenya
┈•• @Getu_Official ••┈
▬▬▬▬▬▬▬
➞ Dhadhaa irraa argachuuf tasa dhama hin raasani,
➞ Bara darbuuf jedhanii hadhaa dubbii hin baasani.
➞ Gufuun nama dhayeedhaaf deemsa dhaabuun fafadha,
➞ Samiirra haabarartus dhumni hallattii lafadha.
➞ Fixeensi kan mul'atu amma aduun ba'utti,
➞ Guddinni warra sobduus hamma yeroon ga'utti.
➞ Alaabaan jal'aa ol ba'es osoo hin tutturiin bu'a,
➞ Muchi hadhaa kuusee baatuus gaaf tokko ofiisaan gu'a.
➞ kan bade bada malee nu hin bannu kakuu dhaalla,
➞ Heddummina jal'ootaa baay'annee dachaa caalla.
➞ Sodaattanii hin rom'inaa nuuf bari'uu fi Aduunii,
➞ Kan nuuf malu jireenya nu hin argatu baduuni.

@Getu_Official
@Getu_Official
296 viewsGetu Abera✟, 07:03
Open / Comment
2022-08-25 12:38:19 UTUU...
@Getu_Official
▬▬▬▬▬
Addunyaa kanaaf waan kennitu maal qabda? Waa'ee kee Addunyaan Maal Dubbata? Barruu kanaa gadii dubbisuun mul'ata kee tilmaami!

➊. Abrahaam Yisihaaqiin hin dalchin utuu du'ee, Museen huuxxii qoraattii boba'u sana utuu hin argin du'ee, Phaawulos karaa Damaasqoo irratti utuu Yesusiin hin argin du'ee fuulawwan Macaafa Qulqulluu fi seenaan kan ammaa irraa baay'isee gargar ta'a ture.

➋. John Wikliif Macaafa Qulqulluu gara Afaan Ingiliziitti utuu hin hiikin du'ee seenaan Waldaa Kristiyaanaa kan ammaa irraa adda ta'a ture.

➌. Maartiin Luuter barreeffamoota haaromsaa isaa utuu hin barreessin du'ee silaa amantootni barsiisa dogoggoraatiin sakaalamanii miliyoonotni deebi'anii harka Seexanaatti kufu turan.

➍. Abbaan Gammachis Macaafa Qulqulluu gara Afaan Oromootti utuu hin hiikin du'e ta'ee silaa sabni Oromoo dukkana sodaachisaa hammam ulfaatu keessatti akka hafnu yaaddaniittuu?

➎. Sheekispir walaloowwanii fi taphoota isaa hin barreessin utuu du'eera ta'ee dandeettiin maakbeeziin mul'ate sun awwaalamee hafa.

➏. Mikaa'el Anjeelloo fakkii sistin chaappel, ykn Daavinchiin utuu Monaaliizaa hin kaasin du'aniiru ta'ee seenaan dinqisiifannaa fakkii ni dhabama ture.

➐. Chaarles Weley faaruwwan isaa utuu hin barreessin du'ee waan guddaatu namootatti hir'ata ture.

EGAA #ATI hoo?

➑. Utuu ati hin ulfaa'amin abbaan kee utuu du'e ta'ee, ykn utuu ati hin dhalatin harmeen kee utuu duute ta'ee waan uumamu yaaddeettaa?

➒. Utuu ati hin dhalanne ta'ee addunyaa kanatti maaltu hir'ata?

➓. Dhimmoota ijoo fi barbaachisoo hojjechuuf dhalatteef hojjetaa jirta moo dhimma si hin ilaallanne keessaa wacaa jirta???

@Getu_Official
@Getu_Official
373 viewsGetu Abera✟, 09:38
Open / Comment
2022-08-25 09:36:55 GOWWAA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
● Gowwaan yeroo hunda waan godhu hin beeku, waan jedhan jedha. Waan jedhameen kolfa.
Hooo jechaa oola. Muu! Takka takka, osoon isin irra deemee gurra keessan kana micciiree akka stoofii ho'isee cincessee akkam na gammachiisaa!

● Seexanni sammuu dhaloota baay'ee kan isheen xaxxee guduunfitee keesseef humna isaanii waan beektuufi dha. Addunyaan kun waan itti yeroo gubduuf Waaqa ishee ittiin dagattu arginaan waanuma xiqqoon dhaloota ilkaan bansiisaa oolti.
═════════════
Tapha sasalphaa taphatanii sammuu ofii free gochuun akkuma jirutti ta'ee...!
═════════════
● Ammas muu! Yeroo koo kennee, ofii koo hinaafee, yeroon online irra seenee dhaloonni kun waa baraa
laata jedhee maxxansa maxxansu, osoo hin dubbisiin comment ergaa kootiin wal hin qabanne kennitu.

● Yeroo ani isin ilaaluuf qoosu immoo, daqiiqaa 5n
gidduutti comment, react iin guuttu. Ayiii (shawwadamuu) ilkaan yeroo banaa deemnu
sammuun cufamaa deemaam.
Obbolootaa? Isiniif wayyoo!

● Edaa dhiirri fb kana irra oolu. In bareeddaaf in fokkiftaa lakkaa'aa oolaa?
Edaa intalli, data guuttee ol baatee ganama isa eegalte galgala datan irratti cufee rafiitiif illee yeroo dhabdu waanuma buddeen hin taane
kanattii?

● Wal taajjabne? Akkam na jaallattuu maaloo?
Akkamis naa sassattuu?

● Osoo beektanii barri kun bara kolfamu miti, baras qoofamu miti! Qoosaa jaallachuun salphina irra nama buufti.

"Qoosaa keessa re'een haadha ....." jedhama
mitiiree? Qoosaa keessa seexanni qalbii nu elmatte.

● Maaloo gowwaa hin ta'inaa! Waan darbuu fi kufaa ta'e duukaa hin fooricinaa! Taa'aa
barsiisa baradhaa! Barruu dheeraas dubbisaa!

● Gowwaa hin ta'in sammuun jaamuu irra ija jaamuun balaa hin qabu. Osoo ijji keenya arguu sammuun jaamuun, kufaatii fiduu dha.

● Kottaa waanuma qoosaaf mi'aa hin qabne bexebbexuu irra waan nama barsiisuuf dhaloota haamilee cimsu barreessinaa! Waan diigu dhiifnee waan ijaaru hojjennaa!

Galata!
═══════
● Ijoollee ani maxxansa maxxansu dubbiftanii hubattanii fi #share gootanii fi hojii kana akkan itti fufuuf na xiiqeffachiiftan baay'een isin kabaja.

● Yeroo keenya osoo waanuma gargaaru qofaaf oolchinee, hammam irraa buufannaa.
Waan Dubbiftaniif Galatoomaa!!!

@Getu_Official
@Getu_Official
300 viewsGetu Abera✟, 06:36
Open / Comment
2022-08-25 09:28:50 YESUS JAALALA DHA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Dargageessi tokko yeroo hunda waa’ee jaalala Yesuus yeroo odeeffamu yeroo dhaga'u baay'ee aara. Achiin gaaftokko namicha waldaa keessaa tokko gaafate.

Dargageessicha: "Abbaa koo gaaffii tokko isin gaafadhuu?"
Jaarsicha: "maaloo dha mucaa koo?"
Dargageessicha: "Maali dha yeroo hunda Yesuus Yesuus kan isin jettan? Yesuus maal isiniif godhe? Kun sirrii miti isin irraa hin eegamaa?" jedhee isaan gaafate.
Jaarsicha: "Mee mucaa koo burtukaana sana as naaf kenni" jedhaan. Gurbichis ka’ee itti kenne, jaarsis suutuma jedhee quncisee nyaate.
Dargageessicha: "Abbaa koo maal cal jettaniim deebii koo naaf hin deebisneem" jedheen.
Jaarsicha: "Akkam mucaa koo burtukaanittiin in mi’oofti mitii" jedhaniin.
Dargageessicha: "Maal abbaa koo yooman dhandhamadhe? Ani hin nyaanneem" jedheen.
Jaarsicha: "Egaa argitee mucaa koo jaalala Yesuus kan hin argine mi'aa isaa hin beeku"

═══════════
❍ “Kristos lubbuu isaa nuuf kennuu isaatiin jaalalli maal akka ta'e hubanneerra;"
— 1Yoh. 3:16
═══════════

❍ Jesus is our Greatest Blessing!
❍ Let us share this greatest blessing to our Loved ones and every one we meet this week!

@Getu_Official
@Getu_Official
251 viewsGetu Abera✟, 06:28
Open / Comment
2022-08-25 06:24:32
252 viewsSOLA , 03:24
Open / Comment
2022-08-25 06:24:31
241 viewsSOLA , 03:24
Open / Comment