🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa. ┏━━━ ━━━━━━━━┓ Naamusa Nam | Mammaaksaa fi Jechamoota.

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
Naamusa Namummaa

Amalli abbaa dhiba, hamaan ganda dhiba.”Jetti harmeen koo!

Ilmi namaa uumama kabajamaafi beekaa sammuu isaatti dhimma
bahuun jiruufi jireenya isaa gaggeeffatudha.

Uumama biraa irraa wanti
dhala namaa adda godhu immoo safuufi safeeffannaan kan jiraatuufi
naamusaan jireenya ofii kan gaggeeffatudha.

Naamusa jechuun maal jechuudha? Namni naamusa qabu hoo nama
akkamiiti? Naamusni hoo maaliin safaramaa?
Naamusni namummaa, kabaja dhalli namaa ofiif akkasumas nama
biraaf darbees uumamaafi uumaaf qabudha.

Oromoon gaafa safuun hin
badin irraafi jala qaba.
Ilmi abbaa safeeffata. Abbaan illee ilma isaaf
safuu qaba. Kana qofa miti lagaaf, gaaraaf, mukaaf, bineensotaaf illee
safuu laata.

Kana irra darbee ilmi naamusa ilmarraa eegamu qabatee jiraata.

Gaafa guddatee abbaa manaa ta'uus ilma isaa naamusa gaariin
guddisee ofiif, firaafi aanteef, biyyaaf akkasumas addunyaaf kenna.

Dhalli kan abbaafi haadhaa qofa miti, kan biyyaa, firaafi aantee akkasumas kan addunyaati jedha Oromoon.

Kanaafuu ilmaan isaaniif
eegumsaafi kunuunsa addaa godheefi guddisa.

Ollaafi lammiin illee badiifi jal'ina yoo irratti argan, ijoolleen kan hunda keenyaati abbuma bira jirutu guddisa jedhani ijoollee karaatti deebisu.



┗━━━━━━ ━━━━━┛