🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa. ┏━━━ ━━━━━━━━┓ Of | Mammaaksaa fi Jechamoota.

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
Of Guddisuu!

•Namni guyyaattis ta'u torbeetti hangam qaamni isaa akka dabale ilaaluuf hangaafi dheerina isaa ni safara. Magaalaa keessa yeroo deemtan iddoo hedduutti waan ittiin hanga ofii safaran argattu.

Namuu itti goree of ilaala. Keessattuu dargaggeessi hangam akka qaamni isaa dabale ilaaluuf yeroo hedduu hanga isaa safara. Kana biraan immoo boca qaama isaa eeguufi jabaa ta'ee of arguuf sochii
qaamaa hojjeta. Kana qofa miti qaama isaa guddisuuf nyaata illee hanga humni isaa dandeessise filatee nyaata.

Xiyyeeffannoon kun hunduu
qaamaan guddaafi boca gaarii qabaatanii guddina barbaadan argachuufi.

Akka saayinsiin jedhutti ilmi namaa guddate (developed) ta'e jechuuf qaama biratti yaadaan, miiraan, hawwaasummaafi dandeettii sammuun guddachuu qaba jedha.

Akkuma qaamaaf nyaanni barbaachisu sammuun dhala namaa barnootaan guddachuu qaba. Barnoonni sirriin soorata sammuuti.

Barnoonni sirrii yoo jennu barnoonni dhugaan kan waa'ee dhala namaa, addunyaa, ardiif samii akkasumas kan waa'ee uumamaafi uumaa dhugaa qabatamaan jiruun barsiisu jechuudha.

Barnoonni sirriin dhugaa qabatamaa lafarra jiru waliin wal simee sammuu dhala namaa misoomsuu qaba.

Sammuun dhala namaa
barnoota sirriin gabbatee jiruufi jireenya namaa jijjiiruu qaba. Kana irraa maqnaan jireenyi dhala namaas milkii irraa maquun, guddinaaf gumaata dhiisee gufuu ta‟a.

Maarree guddinni dhala namaa sirrii akka ta‟uuf, sammuun barnoota sirriin misoomee dagaaguu qaba.