🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa. ┏━━━ ━━━━━━━━┓ Sammuun Mootii/g | Mammaaksaa fi Jechamoota.

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
Sammuun Mootii/gabra yaadati

•Sammuun yaada akka ofii barbaadetti bocuu danda'a.

Waa'ee ofii isaas ta'ee dhugaa addunyaa isa sitti beekee akka fedhetti qajeelchuu danda'a.

Kanarra darbees waan itti amanu, akkasumas waan hojjetu akka isaatti
tolfachuun sammuu isaa amansiisuu danda'a.

Sana booda sammuun ni
dandeessa jedhaani. Faallaa kanaa yaadaan of gaadi'anii miira gadaantummaafi hin danda'u jedhuun yoo of amansiisan...hojii salphaa hin dandeessu jedha Sammuun.

Sana booda hojjetanii iddoo yaadan gahuun ni hafa. Dursa yaada kee hogganta, booda immoo yaada
sammuu kee keessa jirutu si hoggana. Siif galee? Afachu fakkeenya kanan siif hima.

Nyaata kee filattee nyaatta. Fakkeenyaaf dhadhaa yoo nyaatte hanga liqimsitutti situ hoggana. Liqimsuus dhiisuus ni dandeessa. Garuu erga qaama seeneen booda qaamakee ijaaruufi dhiisuu isatu hoggana.

Summiinis akkasuma fedhii keetiin dhiisuus dhuguus ni dandeessa.

Erga liqimsitee booda garuu qaamakee diiguufi dhiisuu irratti aangoo kan qabu summii sana! Ammahoo siif dhufee? Eeyyee dursa yaada filattee gara sammuukee seensisuu dandeessa.

Erga seenee booda garuu
garba yaada keetii taata.
Sammuun balaa fida; balaas ni hambisa.

Sammuun seenaa dalaga; seenaa balleessas.

Sammuun guddisaadha; quucarsaadhas.

Kanaaf Yaadakee eeggadhu!