🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Dhaamsa abukaattoo Jawar faa keessaa tokko kan tahe Kadiir Bul | Mammaaksaa fi Jechamoota.

Dhaamsa abukaattoo Jawar faa keessaa tokko kan tahe Kadiir Bulloo fuula facebook isaa irratti maxxanse
==========

Haalli obboo Jawaar fa'a keessa jiran bayee nama sodaachisa. Worri waa beettan(intellecuals) worri abbootii amantaa, worri dhugamaan nama siyaasaa ummata Oromootiif dhugaan qabsoofna jettanii fi dhugamaanuu lubbuun beektota dhiisi nama Oromoo kamiyyuu akka maleen bayuu hin qabdu jettan, yeroo ilmaan Oromoo sababa mirgi ummata kanaa haa kabajamuu jedhanii beelaan uf ajeesaa jiran kanatti cal jettanii laaluun kun itti gaafatama seenaa fida. Ani kana kan jedhu gaafa isaan midhaan nyaachuu dhiisanii kaasee guyya guyyaan bakka isaan ciisanitti argaa jira. Haalli isaan keessa jiran bayee nama sodaaschisa.

Oromoo Beekkadhu!!

Namni akka Jawaarii keesaattu woggaa 100 kessatti yeroo tokko akka dhalatu seenaan addunyaa nu'u barsiisa. Kanaafuu worri mootummaas ta'ee worri armaan olitti maqaa keessan dhaye hundi jarri tun sababa kanaan duunaan keesaattu bakka feetaan siyaasan dhaabbadhaa, boru maal jette naan jedhaa akkuma diinni ummata Orommoo du'iinsa isaaniitin gammadu isin ammoo hin gaabbitan. Dhugaa dubbachuuf haalli isaan keessa jiran baayee nama sodaachisa. Aangoo siyaasaa gaafa tokko hafuuf jecha Oromoon janna ufii dhabuu hin qabduun dhaamsa kiyya..Yeroon hin jiru !!!
Nagayaan bulaa!
=============