🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa. ┏━━━ ━━━━━━━━┓ #Galmi kaayya | Mammaaksaa fi Jechamoota.

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓

#Galmi kaayyannu kan dhugumaan kaayyoo qabanne galmaan gahuu malee faayidaa maleessa ta‟uu hin qabu.

#Namicha tokkotu ture. Saree guddifatee qaba jedhama. Namichi kun saree isaa guyyuu karra duratti gadi baasee, akka isheen konkolaataa qabuu bartu taasisaa ture. Maarree jaarsi ollaa isaa kan hojii namicha kanaa argee taajjabetu, yaa namana sareen kee tun dhuguma konkolataa kan qabdi jettee yaaddaayii jedheen Namichis deebisee, ani wanti gaaffii natti ta'e sareen koo konkolaataa qabuufi qabuu dhiisuu miti. Garuu wanti na ajaa'ibu, sareen kun osoo konkolaataa qabdees maal itti gooti! Jedhee deebisee jedhama.

Maarree galmi kaayyannu kan faayidaa qabu, haala qabatamaa waliin kan wal simu, kan dhugumatti itti hojjetanii milkaa'uufi hojjetanii nama fayyadu ta'uu qaba. Galmi kaayyannu fedhii qofa giddugala yoo godhate, quufa abjuu ta'a.

Waan feene qofaaf karoorsuun haamilee nama dhorka.

Galma kaa'uun duratti.

#Hojjetamuu danda'aa?
#Qabeenya namaa fi horii akkasumas yeroo koo waliin wal madaalaa?

#Dhugaa lafarra jiru waliin hoo wal simataadhaa? Waan jedhu kanniin ilaaluun barbaachisaadha.