🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.  ┏━━━ ━━━━━━━━┓ #Dorgoma | Mammaaksaa fi Jechamoota.

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
 ┏━━━ ━━━━━━━━┓
#Dorgomaa tayuu.

Barri keessa jirru waan hundi saffisa aduun bara waan hundi itti
jijjiiramudha.

Jijjiirama addunyaa kana irraa warri fayyadaman warra gulantaa beekumsa, hubannoo, gurmuufi ogummaa isaanii qixa jijjiirama kana simuun warra of guddisedha.

#Roobni yoo roobe warra lafa hin qabne akkasumas lafa qabaatanii warri waan ittiin qotatu
hin qabneef, roobuun hangas mara hin fayyadu. Sababni isaas waan
hojjetaniifi waan ittiin hojjetan waan hin qabneefi.

#Akkuma kana namni addunyaa faana adeemuu hin dandeenye
addunyaatu itti fayyadama malee addunyaa irraa homaa hin argatu.

#Nama dhuunfaa bira darbee sabni, biyyiifi ardiin lammiin ishee
beekumsaan, naamuusaafi jabinaan dorgomaa hin taane warra jabaaf
ergamaa fi faana jaraa hordofaa bara baraan jiraata.

Akkuma namuu gurraa qabu bara kana kan jabaateefi of hubate qofatu sa'a isaa elmatee aannan dhuga. Kana ta'uu baannaan warri anatu sa'a kee elmee, aannan qiraaciitti akka adurree siif kenna jedhan hedduudha.