204:Jaarsaa fi Jaartiin gargar adda turuun nikahaan ni badaa? Gaafii: Jaarsi yoo jaartii biyya takkatti dhiisee irraa ture, nikayaan isii kun hin banneee? Nama yoo jaarsaa jaartiin addaan turan nikahan bade warra jedhutu jira. Deebisaa: Namoonni akkanumaan ka’ee waan Rabbiin halaal godhu ufii haraami godhu takkaahuu ta Rabbiin haraami godhe halaal godhu Rabbi haa sodaatanii waan akkanaa irraa haa fagaatanii. Akkuma umatni keenya jedhuttu turri dayma hin busheessinee jaarsaa jaartiin biyya biyya jiraatteef nikaahan amata saddattee sagalillee haa jiraattu nikahan hin badu. Wanni nikaha balleessa ta duraa namni intala san nikaha godhate nama muslimaa ta’ee yoo murtaddii ta’ee kafre, takkaahuu wanni nikaha san balleessu rakkinna intalti sun himattee nafaqaa dhabaafii haqa jaarsaa jaartii dhabuudhaaf yoo faskii ufirraa goote qofa. Akkanumatti ammoo nikahaan taa’uun turiins nikaha hin balleessu. Dr .Liwaa’ulislaam 434 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:29