Get Mystery Box with random crypto!

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 35

2021-05-24 07:36:26 #Tafsiira Quraanaa Afaan Oromoo Guutuu.

#Tafsiira Dr.Muhamed-rashaad Abdullee barreeffamaan kan of keessaa qabuudha.

#Sheeka akka kanatti nuu hiike, warraa xaarii hedduu booda barruutti nuu geeddare haala mijataan appitti jijjiree nuu qophesse hunda rabbi irraa haa jaalatu.

#hedduu itti gammaddu buufadhaa, irraa fayyadamaa.

#Hammi appichaa: 88.53MB

Android version: 4.4
1.1K views04:36
Open / Comment
2021-05-24 07:36:18
#Tafsiira Quraanaa Afaan Oromoo Dr.Muhamed-rashaad Barruudhaan.

https://t.me/risalaTube/1286
853 viewsedited  04:36
Open / Comment
2021-05-24 07:36:10 1-》"A' 2-》"D" 3-》"D" 4-》"D" 5-》"C"

6-》#Wantoota/Gufuuwwan istaqaamaa nama dhoowwan maal fa'a?

1.Dogongora– karaa qajeelaa irratti gadi dhaabbachuuf yommuu taattafannu, tasa ni dogongora. Ergasii ijjannoo fi kaka’uumsi keenya ni laamsheya. Dhumarratti, inuma hojii san dhiisun xumurama.
2.Qoosa namootaa – seenaa Nabiyyoota (nageenya isaan irratti haa jiraatu) yoo ilaalle,  ummata isaanititti Ergaa Rabbii itti geessuf yommuu deeman, ummanni isaanii itti qoosu, itti baacu. Haaluma kanaan namni karaa haqaa hordofuu karaa adda addaatin qoosni,tuffii fi baacon namoota irraa isa ni dhaqqaba. Yeroo kanatti duubatti deebi’u osoo hin ta’in, seenaa Nabiyyootaa ilaalun gara funduraatti tarkaanfachu barbaachisa.

3.Oftuulu fi of-dinqisiifachuu – namni yommuu hojii gaarii tokko hojjatu of tuulu fi of dinqisiifannaan itti dhagahamu danda’a. Kuni immoo istiqaama faallessa. Osoo hin beekin mucucaate kufa.

4.Dhiibbaa maatii, hiriyyoota, midiyaa fi naannoo – daandii istiqaama irra deemuf yommuu tattaafannu, maatiin, hiriyyoonni, midiyaa, naannoo fi kkf dhiibbaa guddaa nutti fidu. Dhiibban isaanii kuni negaativii (miidhaa kan qabu) ykn posootivi (bu’a-qabeessa) ta’uu danda’a. Maatiin keenya amantii kan hin jabeessinee fi daandii irra kan jallatan yoo ta’an, nutis akka isaanii ta’uun of balleessu hin qabnu.

7-》#Wantoota/Karaa Istiqaama ittiin jabeeffachuuf nama qarqaaran ibsi...

1.Qur’aana barachuu, qo’achuu fi hojii irra oolchu– Qur’aana barachuun, qo’achuu fi hojii irra oolchuf tattaafachuun utubaa istiqaamaa (gadi dhaabbannaa) cimsa. Namni akkuma Qur’aanatti dhiyaatun istiqaama isaa jabaataa adeema.

2.Gabaabbinna jireenya tanaati fi haala jireenya Aakhiraa yaadachu– Gabaabbinna jireenya tanaati fi haala jireenya Aakhiraa kan beeknu Qur’aana yoo qo’annedha. Yommuu hadhaan sabrii daandii haqaa hordofuu sitti dhagahamu, du’a yaadadhu. Jireenyi tee baay’ee xiqqoo fi gabaabdu akka taate beeki. Yoo istiqaama irratti duute, jireenyi Aakhiraa jireenya qananii fi zalaalamii akka taate yaadadhu.

3.Hidda onnee jalaa Rabbitti warwachuu – yeroo hundaa Rabbiin irraa araaramaa fi qajeelinna hidda onnee jalaa itti warwaachun istiqaamaa irratti akka cimaniif nama gargaara.

4.obsa qabaachu– hadhaa obsaa yoo liqimsan mi’atti jijjirama. Namni obsaan daandii istiqaama irra yoo deeme jireenya tanatti tasgabbii fi haala gaariin jiraata. Jireenya dhuftutti immoo qubannaan isaa jannata.
_
stats Hanga yeroon xumuuramutti.

Deebii guutuu kan deebisan.
Haliime sultan Abdulhaakim Hasan Abduro kasim Qamar huseen Abdiisaa Fayyoo Idiriis Hafsaa Tuujii Abdurahmaan Kurfaa Alhamdu Fafirruu ilallaah Ramadaan Ahmed

Deebii 6/7 kan deebisan.
Fahadil Mahadii Rastam Ibsaa Obaa Abdullay Sudii Sharaf Qamar Huseen Caalaa Ahamad Faarsan Jamaaluddiin Kadir Mahammad Taqiyaa Jamaal MUSTEFA JAMBO
Deebii 5/4/3/7
Shu'eyb Nasir Ibrahim Ayele Na'ima Musa Nizaamii Aadiluu
____
Kan dursa guutuu deebisuudhaan injifatan fi yeroo itti deebisan.

①-Haliime sultan 8:02
2-Abdulhaakim Hasan 8:02
3-Abduro kasim 8:03
4-Qamar huseen 8:04
5-Abdiisaa 8:04
6-Fayyoo Idiriis 8:05
7-Hafsaa 8:06
8-Tuujii Abdurahmaan 8:07
9-Kurfaa 8:15
10-Firomsa Adam 9:32

____ Maqaa fi lakkofsa nuu ergaa.

Hirmaattonni keenya hunduu jazaakumullaahu keeyran.
sponsarri gaafiif deebii har'aa keenyas rabbiin isinirraa haa jaalatu jazaakumullaahu keeyran.

Yaadaa fi gaafiif. 1-@QILQIL_BOT 2- @Al_risala_tube_bot
870 views04:36
Open / Comment
2021-05-23 14:00:21 ☆Gaaffiif deebii marsaa 77ƒƒαa
☆Leenjii mata dureen, " Istiqaamaa " jedhu irraa, kutaa 2ffaa.
____

[1] Hojii gaarii yoo hojjetan, of dinqisiifachuu fi namoota kaan ammoo tuffachuun istiqaamaa irraa akka mucucaatan nama taasisa.

#A| Dhugaa.
#B| Hojii gaariin boonuun ni taya.

[2] dhaabbannaawwan istiqaamaan qabu keessa tokko.... (karaa qajeela irratti qajeela ta’uu, gadi dhaabbachuu) jechuudha.

#A| Al-ilmu #B| Al-Muqaarabaa
#C| As-sidqu #D| As-sadaad

[3] Istiqaaman dhaabbannaawwan ..... qaba.

#A| Shan #B| Jaha
#C| Tokko qofa #D| Lama

[4] Gabaabbinna jireenya tanaati fi haala jireenya Aakhiraa kan beeknu?

#A| Qur’aana barachuun.
#B| Qur’aana yoo qo’annedha.
#C| Qur'aana qu'atanii hojii irra oolchuf tattaafachuu.
#D| hunduu deebiidha.

[5] Jecha kana sahaabiin dubbatte eenyu? "Herreegamuun duratti of herreegaa; madaallamuun duratti of madaalaa.”

#A| Abubekri-siddiiq
#B| Umar ibnu Abdul Aziiz
#C| Umar ibnul kaxxaab
#D| Ubeeydah ibnul jarraah

[6] Wantoota/Gufuuwwan istaqaamaa nama dhoowwan maal fa'a?....

[7] Wantoota/Karaa Istiqaama ittiin jabeeffachuuf nama qarqaaran ibsi.....

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .

※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

Gaafileen hundi instantview gadii keessaa deebisaa argattu.
666 viewsedited  11:00
Open / Comment
2021-05-21 15:57:15 Sh/Alii jimmaa.

Gorsa ajaa'ibaa kana Rabbiin warra irraa fuyyadamu nu haa taasisu.

MB 1 gadi. Daqiiqaa 3
329 views12:57
Open / Comment
2021-05-20 02:16:48 Gufuwwan Istiqaama nama dhoorkan maal fa'a?

Istiqaaman dhaabbannaa lama qaba isaanis?

Karaalee Istiqaama itti jabeeffatanifi bu'aa isarraa argatan.

#inshaa'allaah waan hedduu irraa hubattu
instantview gadii dubbisaa.

https://telegra.ph/Gufuwwan-Istiqaama-05-19 Leenji kutaa 2ffaa
1.1K views23:16
Open / Comment
2021-05-20 02:13:09
Jireenya keenya keessatti hanga feene taqwaa fi beekumsa haa qabannu guyyaa tokko ni dogongorra. Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan:

 كُلُّ بَنِي آدَمَ خَطَّاءٌ وَخَيْرُ الْخَطَّائِينَ التَّوَّابُونَ

“Ilmaan Aadam hundii dogongortoota; dogongortoota keessaa isaan gaggaariin yeroo hundaa kanneen tawbataniidha.”
1.1K views23:13
Open / Comment
2021-05-18 22:37:51
#Haleellaa Israa’el Gazzaa keessatti raawwateen lakkoofsi Falasxiinoota ajjeefamanii 213 gahe.
************************
#Humni waraana Israa’el magaalaa Gazzaa keessatti guyyaa haleellaa raawwachuu jalqabe irraa kaasee hanga arraatti daa’imaan 61 fi dubartoota 36 dabalatee Falisxiinoonni 213 ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise.

#Ministeeriichi ibsa guyyaa arraa baaseen lakkoofsi namoota madaa’anii immoo  1,442 gahu ibse.
Haleellaa humna xiyyaara Isra’eeliin may 10 irraa jalqabee Magaalaa Gazzaa fi naannawa isiitti raawwatamaa jiru kanaan, gamoowwan hedduunis barbadaayuu odeeyfannoon ni addeessa.

#Rokketoota Hidhattoonni Falisxiin irraa gara Isra’eealiitti dhukaasaaniin immoo Lammileen Isra’eel 10 ajjeeffamanii jiru.
Amnesty International ibsa baaseen, Humni qilensa Waraana Isra’eel manneen jireenyaa irratti haleellaa raawwataa jirachuu ibsuun,  goochi  raawwatamaa jiru ‘yakka waraanaatti’ jechuun balaaleffate. #Nh
1.5K views19:37
Open / Comment
2021-05-18 06:39:27
Jecha Hayyoota islaamaa.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

Qur'anni kan buufameef akka itti dalaganiifi, garuu namni hedduun Qur'aanuma qara'uu qofa dalagaa godhate, itti dalaguu irraanfatee.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

Yeroo garii hin beeku jechaas bari, yoo ni beeka ni beeka baay'ifte gaaffiin sitti heddummaatti hamma wallaale jettu takkaa, Laakin ammo hin beeku jechaas yoo beeyte, si barsiisu fa'a taya hamma beektutti.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

Dubbiin faallaadha! Gaafa garaan nyaate quufu, qaamni biraa ni beelaya, Arrabni hamatti jarjara, gurri badii dhaggeeffata waan akka muuziqaa fa'a, ijjis haraaama obsuu dadhabdee laaluuf jarjarti.

﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
2.0K viewsedited  03:39
Open / Comment
2021-05-17 05:14:20 Yaa nama rakkoon sitti jirtu, tunis ni dabartii hin sodaatin.

#Nabiin (s.a.w) "Rabbi sitti maganfadha" jedhan, Waan Afurii kana irraa. Wanni afran tuni maali?


MB 1 gadi. Daqiiqaa 3
1.7K viewsedited  02:14
Open / Comment