🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Kaayyoof karoora ciree Dabaan of hin wareeguu Sodaadhee gara | ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

Kaayyoof karoora ciree
Dabaan of hin wareeguu
Sodaadhee garaa hiree
Harka kenne hin beekuu
~
Homaa nan sodaachisuu
An rakkoo hedduun lufee
Of duuba nan deebisuu
Humni kamuu yoo dhufee
~
Akkan miidhamee cabuuf
Dabaan utuu na yakkuu
Dhugaa sababan qabuuf
Injifachuu koo'n shakkuu
~
Kaayyoofin wareegamaa
Anaan dhugaatu bitee
Fedhaan miti dirqamaa
Kan hidhaan kiyya citee...!