Get Mystery Box with random crypto!

͙✯͙➍Mulɑɑ Jireenyɑɑ✯

Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙✯͙➍Mulɑɑ Jireenyɑɑ✯ M
Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙✯͙➍Mulɑɑ Jireenyɑɑ✯
Channel address: @a4mulaa_jireenyaa
Categories: Animals , Automobiles
Language: English
Subscribers: 19.88K
Description from channel

Seenaawwan gaggabaaboo
Walaloo
Ergaa
Gaaffii fi deebii
Yaadota mo'atoo fi kanneen biroos argachuuf. Miseensa chaanaalii keenyaa ta'aa.

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages

2023-07-24 21:56:01 ATI┃• QAALII DHA.
• Qabeenya hunda caalu addunyaan kuni si qabdi!
• Eeyyeen si isa/ishee dubbisa kana dubbisaa jirtu!
• MAALIIF OF XIQQEESSITEE ILAALTA ATI?

▬▬▬▬▬▬▬
❏ Namni keessa jiraatu yoo dhibe addunyaan kuniyyuu duwwaa dha. Wanti baay'ee qaaliin addunyaan kuni qabdu warqii yookiin daayimandii miti. NAMA DHA! Ati qabeenyi addunyaan qabdu kuni si bituu hin danda'u! Gatii guddaa qabda waan ta'eef waan xiqqoon of madaaluu dhiisi! Humna haareffadhuu gara hojiitti gali!

☆☆☆☆☆☆☆☆☆
@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
61 views18:56
Open / Comment
2023-07-24 21:35:10 Sirba gaafa cidhaa galgala, yeroo misirrittiin boossu, hamaamotni waa'ee #Durbummaa sirbanii aarsan

Maal maal jettee boossi isheenoollee?...(*2)

Qoraan dhaqee galeen
Qoraafamee gale... Jettee boossi isheenoollee...

Irraan gadee kufeen
Irraanfadhee dhufe... Jettee boossi isheenoollee...

Sokorruut gad cabe
Sokoksuun dadhabe... Jettee boossi isheenoollee ...

Lafa maasii bonee
Iddoonsaayyuu in one... Jettee boossi isheenoollee ...

Lafa maasii garbuu
An barbaadee hin argu... jettee boossi isheenoollee ...

Mana gidduu ba'een
Akka iyyuu ta'e... Jettee boossi isheenoollee ...

Lo'ee na qabatee
Boo'ee na kadhate... Jettee boossi isheenoollee ...

Madabiirran kaa'e
Darabiit arraabe... Jettee boossi isheenoollee ...

Gurbattiittan aaree
Guyyattiin abaare... Jettee boossi isheenoollee ...
.
.
.
Jedhanii itti sirbu.
Kanneen hafanimmoo... !
247 views18:35
Open / Comment
2023-07-24 20:42:41 Ta'u ta'e, Ta'uu baatus Milkaa'inni fi jireenyi kee Kana Qofaan miti . Ulaan milkii baay'eetu jira Abdii hin kutinaa Waraqaan tokko jireenya kee fuulduraa hin murteessu. "Ulaan tokko yoo cufame Kan biroo ni banama" Carraa Gaarii
568 views17:42
Open / Comment
2023-07-24 20:42:13 Ta'u ta'e, Ta'uu baatus
Milkaa'inni fi jireenyi kee
Kana Qofaan miti .

Ulaan milkii baay'eetu jira
Abdii hin kutinaa

Waraqaan tokko jireenya kee fuulduraa hin murteessu.

"Ulaan tokko yoo cufame
Kan biroo ni banama"

Carraa Gaarii
571 views17:42
Open / Comment
2023-07-24 20:42:06 Ati utuu bishaan taatee
Si dhugeen gadi ciisa
Ati utuu midhaan taatee
Si nyaadheen beela dhiisa

Ati utuu dhadhaa taatee
Situ afaanii na hin ba’u
Dhagaa taatee badde kaa
Maal abbaa koo siif ta’u?

#leta
572 views17:42
Open / Comment
2023-07-24 19:52:08 Seenaa Gaddisiisaa
●●●●●●●●●

Abbaa manaa fi Haadhaa manaa sirriitti wal jaallatan tokko Guyyaa wahii haati manaa yaada tokko dhiyeessite.

Yaadichis akkana ture :- "Guyyaa tokkoof osoo waliin hin dubbatin haa oollu mee, Ani mana Oolaa Ati bakka hojii kee deemi. Text naaf hin godhin, naafillee hin bilbilin, yoo ati kana goote sana booda Umriikoo guutuun si jaaladha" jetteen.

Innis tole jedhee gara hojii isaa deeme. Guyyaa guutuu osoo hin bilbiliniif oole

Garuu waan nama gaddisiisu
Isiin dhukkuba
#kaansariitiin qabamtee turteetti. Mana yaalaa deemtee gaafa laalamtu Doktorri waan nama gaddisiisu itti hime. #Innis :- Sa'atii 24 booda Addunyaa kanarraa ni deemta, yeroon kee dhumateera kan jedhu ture

Jaarsi isii Akkuma walii gale Guyyaa guutuu ala turee yeroo mana galee Ooluu isaa itti himuuf jedhu, waan inni hin yaadintu ta'ee jira. Haala nama gaddisiisuun haati manaa isaa Duuteetti.

Yeroo dhumaatiif Waraqaa irratti akkana jettee barreesitee uf bira keesse : " Jaallatamaa koo Akkam naaf oolte! Nagaa naaf ta'i! Hanga dhumaatti sin jaalladha, Obsa naaf Qabaadhu" kan jedhu ture.



Yoo sitti tole Shere Godhi

#Abďûssělam_Ěďrîš
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
664 views16:52
Open / Comment
2023-07-24 19:32:07 Ilmi namaa kun waan ati taateef hunda dagatee waan ati tahuufi dadhabde qofa yaadata.
809 views16:32
Open / Comment
2023-07-24 19:30:53
822 views16:30
Open / Comment
2023-07-24 17:47:41 Namni nama isa jaalatutti kooru
(Of-jaju) Gowwaa fi wallaalaan akka isaa hin jiru.
1.1K views14:47
Open / Comment
2023-07-24 09:33:06 ✪ "Yeroo itti bilbilli (smart-phone) carraa addunyaa waliin walqunnamsiisuu uumanii garuu, warra cina kee (sitti dhiyoo) jiran irraa si fageessan keessa jirra!

Namoota cina keetiif dursa kenni!"
1.6K views06:33
Open / Comment