Get Mystery Box with random crypto!

͙✯͙➍Mulɑɑ Jireenyɑɑ✯

Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙✯͙➍Mulɑɑ Jireenyɑɑ✯ M
Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙✯͙➍Mulɑɑ Jireenyɑɑ✯
Channel address: @a4mulaa_jireenyaa
Categories: Animals , Automobiles
Language: English
Subscribers: 19.88K
Description from channel

Seenaawwan gaggabaaboo
Walaloo
Ergaa
Gaaffii fi deebii
Yaadota mo'atoo fi kanneen biroos argachuuf. Miseensa chaanaalii keenyaa ta'aa.

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 2

2023-07-24 09:08:18 Lola Jaarsaaf Jaartii

Ati gidduu seentee
Balleessaa barbaaddaa
Abbaa badii bartee
Adabuudhaaf yaadda...

Jaarsa waliin teessee
Jaartiin badiin dhabdu
"Isheetu balleesse
"Ati badii hin qabdu"

Jettee,waa'ee jaartii
Jaarsatti hamattee
Nama badii gootee
Yoo badii itti murte...

Isaaniin si miti
Sireetu araarsa
Baay'ee keessa hin galiin
Lola jaartiif jaarsa!
1.6K views06:08
Open / Comment
2023-07-24 07:53:07 Ani ofiif hin jennee
ilmi keessan kun fuudha
hin geenyee? Jette
intalti gurbaa kajeltee
1.4K views04:53
Open / Comment
2023-07-24 07:49:36 #Gaafadhu_Hin_Sodaatin !! ' ' Ni jaallataan ta'a. Baay'ee jaalachuunii dandeessa. Isii dhabuu hin barbaaddu ta'a. Kee taatee akka umrii isii guutuu waliin jiraachuu barbaadda ta'a. Guyyaa fi galgalas waa'eedhuma isii yaadda. Hirribaanis Abjuudhaan isiidhuma…
1.4K views04:49
Open / Comment
2023-07-24 07:49:28 #Gaafadhu_Hin_Sodaatin !!
'
'
Ni jaallataan ta'a. Baay'ee jaalachuunii dandeessa.
Isii dhabuu hin barbaaddu ta'a.
Kee taatee akka umrii isii guutuu waliin jiraachuu barbaadda ta'a.
Guyyaa fi galgalas waa'eedhuma isii yaadda. Hirribaanis Abjuudhaan isiidhuma Agarta. Waa'ee isiitiif baay'ee cinqamaa jirta.

Kanaafis :- Kan dhuunfaa keetii godhachuuf yaaddee garuu Waan saalfattuuf ykn Sodaattuuf
#Jaaalala kee Akka Ibiddaa si keessaa boba'u Baaftee gaafachuu hin dandeenye.

Fuutee Haadha manaa godhachuu barbaadda.
#Garuu :- Gaaffii kana Dhiheesseefii yoo tale naan  jechuu diddehoo? Kanammoo dhagahuu hin barbaaddu. Sababa kanaaf Jaalala kee Of keessatti Awwaaltee jiraataa jirta.

Kan ani jedhu :-
'
Maaliif ....!?
'
'
Maali Cinqiin kun hundi ....?

#Obboleessakoo Duniyaa kana irratti Hayyama RABBIItiin Ala wanti ta'u tokkollee hin Jiru.
.
.
Dhimma Guddaa kana dhiisii Fedha Rabbiitiin Ala Haxxiffachuuyyuu hin dandeessu. (A... aaaaaa .... Attishu )
#Alhamdulillah
.
.
Mee wanti si yaaddessu maali??
Akka isii argattu siif barraaheera yoo ta'e. Wanti Adda isin baasu osoma sababni kumni jiraateeyyuu. Osoma Akka Dachiif samii walirraa fagaattaniis. Siif murtoofte taanaan keetuma.


Murteen RABBII faallaa kanaa yoo ta'emoo:

Samii baatus
-
Dachii lixxuus
-
Tabba kortus
-
Lallabdee himattus
-
Deemtee dadhabdus
-
Miillikee qallatus
-
Homaa fiduu hin dandeessu.
-
Murtee RABBII bakkaa hin sochooftu.
-
Yoo fedha RABBII hin ta'in
Ati Cinqamteef waan tokkollee fiduu hin dandeessu.

Hin Argattu jennaan Hin Argattu
#Kalaas

◇Kanaaf  Na amani Keeti taanaan keetuma. #muramte.
●●

#Habibi Cinqamuu dhiisii. Miira keessaa ba'i. Sababa sirraa eegamu Geessisi.

●●Gaafadhu●●
Yoo tole jette= 'Silumaa RABBI Murteessee jira' Waan haaraa miti.
Yoo diiddellee = RABBI dura murteesse Ammas waan Haaraa miti.

Waan ati barbaaddurra waan RABBI godhutu irra caala siif keyriidha.


Nama jaallatte sana gaafachuurraa Dudduubatti hin jedhin.

#Obboleessakoo Yoo Gaafatte:-
Deebiin Jechuma Lama=
#Tole ykn #Lakk

Garuu yoo hin gaafatin ;-
Umriikee Guutuu yaadaan Cinqamaa jiraatta.

Kanaaf 'Gaafadhu' Hin
sodaatin Sin Diddu Bro

#Abďûssělam_Ěďrîš

Yoo sitti tole Hiriyoota keef Shere Godhi .
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
1.4K views04:49
Open / Comment
2023-07-23 09:06:04
NADHII...

Warraaqsaa gaaf cunqursaa
Calaqqee gaaf dukkanaa
Abbaa sochii Oromoo
Kaleessi kee akkanaa

Otuu barachaa jirtuu
Dadhabnaan laalaa dabsoo
Addunyaa barnootaarraa
Seente addunyaa qabsoo

Lafee kankee cabsitee
Gadi na dhaabuuf lafa
Dhaqxee na jalaa haftee
Attamiin sirraa hafaa?!

Dachee irraa na maqsuuf
Dukkanaan na haguugdee
Gaaf alagaan caraantu
Qalama lafa keessee
Boombii kaastee lixxekaa
Kan diinaa koon waraantu.

@ShiisAbdallaa
2.3K views06:06
Open / Comment
2023-07-23 08:57:43 Onnee qulqulluu yoo hin qabaatin, Afaan qulqulluu qabaatun kee gatii hin qabu.
2.0K views05:57
Open / Comment
2023-07-23 08:54:30 Jaalalti namummaadha. Namummaan Jaalalaan ibsama. Jaalala keessa rahmanni kan jiru, Jaalala keessa waliif rifannoonni kan jiru, Jaalala keessa wal gargaarsi kan jiru.

Namoonni haada jaalalaa fooyuu beekan muraasa ta'anillee oogummaan isaanii kun adda isaan godha.

Jaalalti dheebotaaf dhugaatii irra gaariiti. Jaalalti beelawaaf nyaata akkaan filatamaati, Jaalalti bahara hin dhumne kan gowwaan biraa dheebotu, Jaalalti Humna ijaarsa manaa osoo hin taane Humna ijaarsa namaati.♡ Jaalalti Miidhaa Miti.

Jaalalaan hin qoofamu, Jaalalaan hin qoosinaa!

@Jaalala_Qulqulluu
1.8K views05:54
Open / Comment
2023-07-22 20:55:39 Dhugɑɑn Injifɑtɑɑdhɑ!

━━━━━ ⸙ ━━━━━
Mɑnni sobɑɑ bɑɑy'ɑteef
Mɑnni dhugɑɑ jigɑɑree?
Nɑmni sobɑɑ bɑɑy'ɑtee
Nɑmni dhugɑɑ bɑdɑɑree

━━━━━ ⸙ ━━━━━
Sobni Ni moo'ɑmɑ
Yoomuu bɑrɑ bɑrɑɑnii
Dɑrɑɑree Hɑɑ mul'ɑtu
Yoomiyyuu dhugɑɑni

━━━━━ ⸙ ━━━━━
Qɑllɑtteef hin cittu
Yoomiyyuu dhugɑɑni
Bɑri'uu hin Oolu
Turullee dukkɑnni

━━━━━ ⸙ ━━━━━
Hɑqɑ qɑbdɑ tɑɑnɑɑn
Hin sodɑɑtin homɑɑ
Rɑbbi sifɑɑnɑ jirɑɑ
Uumɑɑn wɑɑn Humdumɑɑ

━━━━━ ⸙ ━━━━━
Miseensi Nɑmɑ Dhugɑɑ
Yoomiyyuu ni xiqqɑɑtɑ
Sobni sobɑ isɑɑtiin
Dɑmee bɑɑy'ifɑtɑ

━━━━━ ⸙ ━━━━━
Injifɑtɑɑn gɑruu
Yoomiyyuu dhugɑɑdhɑ
Hɑngɑ Lubbuun jirtɑn
Hɑqɑrrɑ jirɑɑdhɑɑ

━━━━━ ⸙ ━━━━━
Anɑɑf isinillee
Hɑɑ gɑrgɑɑru inni
Sobni hɑɑ dhɑbɑmu
Hɑɑ mɑncɑ'u shirri

Abdussalaam Idriis

@A4mulaa_jireenyaa
6.3K viewsedited  17:55
Open / Comment
2023-07-22 09:33:55
Onnee keenya keessa
Ati siidaa qabda
Yoomuu sin dagannu
Oolmaan kan kee Adda
2.7K views06:33
Open / Comment
2023-07-22 09:05:08 Hojii gaarii malee
Duniyaa kanarraa
Fudhannee kan deemnu
Hin jiru waan biraa

Yaa Allah Dalagaa keyrii nuuf laffisi

Barii Milkii
2.6K views06:05
Open / Comment