Get Mystery Box with random crypto!

͙✯͙➍Mulɑɑ Jireenyɑɑ✯

Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙✯͙➍Mulɑɑ Jireenyɑɑ✯ M
Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙✯͙➍Mulɑɑ Jireenyɑɑ✯
Channel address: @a4mulaa_jireenyaa
Categories: Animals , Automobiles
Language: English
Subscribers: 19.88K
Description from channel

Seenaawwan gaggabaaboo
Walaloo
Ergaa
Gaaffii fi deebii
Yaadota mo'atoo fi kanneen biroos argachuuf. Miseensa chaanaalii keenyaa ta'aa.

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 10

2023-04-15 20:20:56
Eebla 15
~
Diinni adda sin baasuuf
Utuu isheen ilkaan qartuu
Warri dhugaaf jiraattan
Goototni Oromoo martuu

Shiraaf dhara daldaluu
Bu'aa dhuunfaa gantanii
Warri dhaloota kanaaf
Daandii haaraa bantanii

Kaayyoo manaa baataniif
Irbuu dhiigaan eegdanii
Warri osoo walin qoodiin
Lubbuu itti wareegdanii
~
Warri Sabaaf of laattan
Rakkina dandeessanii
Galatoomaa ulfaadhaa
Guyyichatu keessanii......!



@A4mulaa_jireenyaa
702 viewsedited  17:20
Open / Comment
2023-04-15 20:08:32
#GGO
#Ebila 15


@A4mulaa_jireenyaa
659 viewsedited  17:08
Open / Comment
2023-04-14 04:53:20
#gadda_erga_qabeessa

dhiheenya kana daa'ima Dr. Hundeetiif deeggarsa akka goonu waamicha waliif goonee akka turre ni yaadatama. Haa ta'u malee dursa qadara Rabbiitiin; itti aansuunis yeroo barbaadametti humni ga'aan argamuu dhabuudhaan daa'imni Dr. Hundee gara Aakhiraa deemee jira.
#Nuti_Kan_Rabbiiti_Gara_Isaas_Deebi'oodha

Bu'uuruma kanaa qarshii walitti qabamee #300,000 qaqqabee tures daa'imman akka daa'ima isaanii osoo wal'aanamuu danda'anuu sababaa hanqina dinagdeetiin dhukkuba onneetiin du'anu baraaruuf jecha; dhaabbata daa'imman onneen dhibaman wal'aansisuuf galii godhanii jiru.


https://t.me/tulu_dawo
https://t.me/tulu_dawo
410 views01:53
Open / Comment
2023-04-13 12:02:53 #Gaafadhu_Hin_Sodaatin !! ' ' Ni jaallataan ta'a. Baay'ee jaalachuunii dandeessa. Isii dhabuu hin barbaaddu ta'a. Kee taatee akka umrii isii guutuu waliin jiraachuu barbaadda ta'a. Guyyaa fi galgalas waa'eedhuma isii yaadda. Hirribaanis Abjuudhaan isiidhuma…
211 views09:02
Open / Comment
2023-04-13 12:02:37 #Gaafadhu_Hin_Sodaatin !!
'
'
Ni jaallataan ta'a. Baay'ee jaalachuunii dandeessa.
Isii dhabuu hin barbaaddu ta'a.
Kee taatee akka umrii isii guutuu waliin jiraachuu barbaadda ta'a.
Guyyaa fi galgalas waa'eedhuma isii yaadda. Hirribaanis Abjuudhaan isiidhuma Agarta. Waa'ee isiitiif baay'ee cinqamaa jirta.

Kanaafis :- Kan dhuunfaa keetii godhachuuf yaaddee garuu Waan saalfattuuf ykn Sodaattuuf
#Jaaalala kee Akka Ibiddaa si keessaa boba'u Baaftee gaafachuu hin dandeenye.

Fuutee Haadha manaa godhachuu barbaadda.
#Garuu :- Gaaffii kana Dhiheesseefii yoo tale naan  jechuu diddehoo? Kanammoo dhagahuu hin barbaaddu. Sababa kanaaf Jaalala kee Of keessatti Awwaaltee jiraataa jirta.

Kan ani jedhu :-
'
Maaliif ....!?
'
'
Maali Cinqiin kun hundi ....?

#Obboleessakoo Duniyaa kana irratti Hayyama RABBIItiin Ala wanti ta'u tokkollee hin Jiru.
.
.
Dhimma Guddaa kana dhiisii Fedha Rabbiitiin Ala Haxxiffachuuyyuu hin dandeessu. (A... aaaaaa .... Attishu )
#Alhamdulillah
.
.
Mee wanti si yaaddessu maali??
Akka isii argattu siif barraaheera yoo ta'e. Wanti Adda isin baasu osoma sababni kumni jiraateeyyuu. Osoma Akka Dachiif samii walirraa fagaattaniis. Siif murtoofte taanaan keetuma.


Murteen RABBII faallaa kanaa yoo ta'emoo:

Samii baatus
-
Dachii lixxuus
-
Tabba kortus
-
Lallabdee himattus
-
Deemtee dadhabdus
-
Miillikee qallatus
-
Homaa fiduu hin dandeessu.
-
Murtee RABBII bakkaa hin sochooftu.
-
Yoo fedha RABBII hin ta'in
Ati Cinqamteef waan tokkollee fiduu hin dandeessu.

Hin Argattu jennaan Hin Argattu
#Kalaas

◇Kanaaf  Na amani Keeti taanaan keetuma. #muramte.
●●

#Habibi Cinqamuu dhiisii. Miira keessaa ba'i. Sababa sirraa eegamu Geessisi.

●●Gaafadhu●●
Yoo tole jette= 'Silumaa RABBI Murteessee jira' Waan haaraa miti.
Yoo diiddellee = RABBI dura murteesse Ammas waan Haaraa miti.

Waan ati barbaaddurra waan RABBI godhutu irra caala siif keyriidha.


Nama jaallatte sana gaafachuurraa Dudduubatti hin jedhin.

#Obboleessakoo Yoo Gaafatte:-
Deebiin Jechuma Lama=
#Tole ykn #Lakk

Garuu yoo hin gaafatin ;-
Umriikee Guutuu yaadaan Cinqamaa jiraatta.

Kanaaf 'Gaafadhu' Hin
sodaatin Sin Diddu Bro

#Abďûssělam_Ěďrîš

Yoo sitti tole Hiriyoota keef Shere Godhi .
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
215 views09:02
Open / Comment
2023-04-13 11:54:19
"Oromoon yoo keessa hin jiraatin, Itoophiyaan gaagura kanniisa hinqabnedha"
223 views08:54
Open / Comment
2023-04-13 04:27:56 ሴት ልክ እንደ ሽቶ እቃ ናት ሽቶ ካልተከፈተ ማእዛውን አይታወቅም ሴትም ልጅ ልቧን ካልከፈተችልህ በጭራሽ አታውቃትም!!
666 views01:27
Open / Comment
2023-04-12 23:38:20 Dhumarratti jabinaafii laafina kiyyaaf sababaan jaalala akka taheen hubadhe

@Jaalala_qulqulluu
1.1K views20:38
Open / Comment
2023-04-09 06:15:59
"Qaama koo yoo mummurtan, Lafee koos yoo caccabsitan illee dachii #Falasxiin irraa taakkuu 1 muree isiniif hin kennu..!"
Deebii Hoogganaan Impaayira Otomaan #Sulxaan_Abdulhaamid_Khaan Jila Yahuudotaaf kennani dha.

https://t.me/tulu_dawo
https://t.me/tulu_dawo
1.1K views03:15
Open / Comment
2023-04-05 13:54:11
Waamicha gargaarsaa mucaa #Dr_Hundee_Ahmadiif

obboleessi keenya Dr. hundee Ahmed giddu gala yaalaa yuunivarsitii jimmaatti ispeeshaalistii yaalii Daa'immanii fi preezdaantii garee yaalaa itoophiyaa damee jimmaa ta'ee tajaajiluu irratti argama.
Gaafa guyyaa jimaataa haati manaa isaanii daa'ima kan deesse yoo ta'u; Mucaan dhalate kun hafuurri citee cinqamuu yeroo jalqabu qorannoo taasifameen dhibeen onnee (Transposition of great artery) Ujummoon dhiigaa guddichi bakka wal jijjiiruu akka irra jiru beekame. Yaaliin isaa baasii guddaa kan gaafatu yoo ta'u walii galatti baasiin barbaachisu birrii miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokko(1,100,000) ta'uun baramee jira. hundi keenyayyuu waan dandeenyuun bira dhaabbachuun dirqama eenyummaa keenya maraati.

Lakkoofsi akkaawontii; -
CBE 1000097223991 (Hunde ahmad yuya)
Awash 014250789602700 (Fuad Abanega)

Odeeffannoo dabalataaf

0919118817 (Dr.Huseen taasii) fi 0916183436 (Dr.abdellaa Alii)
0919116769 (Fuad Abbaa nagaa)




https://t.me/tulu_dawo
549 views10:54
Open / Comment