🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸 F
Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸
Channel address: @a4mulaa_jireenyaa
Categories: Animals , Automobiles
Language: English
Subscribers: 20.10K
Description from channel

Seenaawwan gaggabaaboo
Walaloo
Ergaa
Gaaffii fi deebii
Yaadota mo'atoo fi kanneen biroos argachuuf. Miseensa chaanaalii keenyaa ta'aa.

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 11

2023-04-02 22:13:10
"Nama madaala ofii beeke; Rabbiin isa haa mararfatu" #Umar_Ibnu_Abdul'aziiz

"رحم الله من عرف قدره" عمر إبن عبد العزيز

https://t.me/tulu_dawo
https://t.me/tulu_dawo

https://t.me/A4mulaa_jireenyaa
https://t.me/A4mulaa_jireenyaa
678 viewsedited  19:13
Open / Comment
2023-04-02 08:54:09

Suuraan ofumaan dubbata.
#Obbo_Dammaqaa_Mokonnin


https://t.me/tulu_dawo
https://t.me/tulu_dawo
https://t.me/tulu_dawo
300 views05:54
Open / Comment
2023-03-30 07:08:09

#HOGGANTOOTA_YUUNIVARSIITII_JIMMAATIIIF
Akkuma beekamu Yuunivarsitiin Jimmaa Yuunivarsitoota #ITOOPHIYAA keessa jiran keessaa, namoota bebbeekamoo jedhaman baay'eedhaaf beekamtii ykn #Dr_kabajaa kennan keessaa isa adda dureedha. Kanumaan wal qabatee, nutis nama beekamaa Itoophiyaafi Oromoon qabdu keessaa kan kabajni kennamuufi qabu garuu immoo dagatamee jiru Gameessa #RAAYYAA_ABBAA_MACCAA dhalataa Godina Jimmaa Aanaa Gommaa kan taheef Yuunivarsitiin Jimmaa #Dr_Kabajaa kennuufi akka qabdu yaada namoonni baay'een of keessaa qabanu tahuu waan amannuuf akka kennamuuf barbaadne. #Raayyaa_Abbaamaccaa jechuun nama jireenya isaa guutuu dadhabe osoo hin jedhin #Aartii qabuufi waan qabu maraan yeroo ammaa immoo dhaabbata gargaarsaa hundeessuun ummataa isaaf jiraataa tureefi hanga har'aa ummata Oromoo bira dhaabbachuun hojii boonsaa kan hojjataa jiruudha. Kanaaf Gameessa keenya kanaaf kabajni kanaa oliiyyuu nimalaaf waan taheef, Yuunivarsitiin Jimmaas waan isarra eegamu osoo bahatee gaarii akka tahu eenyunuu akka itti gammadu beekamaadha
Yeroo dhihoottis dhimma kana ilaalcha keessa galchee akkanni sirreessu Abdii Guutuu irraa qabna!!!



@tulu_dawo
611 views04:08
Open / Comment
2023-03-30 07:08:09
599 views04:08
Open / Comment
2023-03-25 22:02:13 Atimoo? ♡ Bofti yoo nyaatee quufe Du'aaf ba'a daandiitti Adeemsa baduu kootu Na galchite gaabbiitti Utuu na hin jaallatin Qulqulluu garaatiin Baay'een siif gowwome Arraba dharaatiin Siif na uumee keetiin Gurri natti coomee Qarri arraba keetii Anarratti doomee…
738 viewsedited  19:02
Open / Comment
2023-03-25 22:00:57 Atimoo?

Bofti yoo nyaatee quufe
Du'aaf ba'a daandiitti
Adeemsa baduu kootu
Na galchite gaabbiitti

Utuu na hin jaallatin
Qulqulluu garaatiin
Baay'een siif gowwome
Arraba dharaatiin

Siif na uumee keetiin
Gurri natti coomee
Qarri arraba keetii
Anarratti doomee

Fuula keerra jibba
Dubbisuu hanqadhee
Dubbii Kee amanee
Baay'een si abdadhee

Onneen jaalala Kee
Simatee soroorse
Egeree keenyaafuu
Waan baay'een karoorse

Dubbii garaan faallaan
Sobaan na dhuunfattee
Si jaalladha jettee
Maddii na dhuungattee

Onnee kiyya keessatti
Hin ijaarrattu galma
Abukaatoo dhaabbadheen
Mana murtiitti falma
Afaan damma dibattee
Naaf qopheessite qalma

Xiyyati naaf darbite
Utuu onnee Koo diruu
Onnee kiyya keessatti
Galmati ijaartu hin jiruu

Anaaf hin galle male
Ati naaf qormaatuma
Utuu sirraan beekamin
Na miite kolfaatuma

Kubbaa sibiilaa baattee
Dirree seente hin dhiitamuu
Ofumaaf dhiittee cabdee
Ciiste gaafa siif gamuu

Utuunni si abdatee
Garaan Koo si waammatuu
Boolla naaf qotte buute
Waan facaasan haammatuu

@darbelala2


@A4mulaa_jireenyaa
761 views19:00
Open / Comment
2023-03-22 21:37:59
#Ramadaan_Mubaarak
رمضان مبارك

Hordoftoonni amantaa #Islaamaa kan kaabaa fi kibbaa; bahaa fi dhihaa marti keessanuu baga ji'a kabajamaa fi jaallatamaa #Ramadaana nagaan geessan. Nama irraa fayyadamus isin haa taasisu.

@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
1.2K views18:37
Open / Comment
2023-03-22 21:33:36
Ramadaana hedduutu dhufee nurra dabarfate. Hammam akka fayyadamne Rabbumatu beeka. Inni kunis ammoo dhufee nu qaqqabeera. Rabbiin nama irraa fayyadamu nuhaa taasisu.

@tulu_dawo
@tulu_dawo

@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
1.1K views18:33
Open / Comment
2023-03-20 20:33:15
Baga nagaan dhufte
Yaa simbo qabaataa
Yaa qarfata waggaa
Yaa ji'a rahmataa

Namoota wal dhaban
kan walitti araarsu
Diina uumaaf uumamaa
shayxaana mankaraarsu

Kan isa keessa balballi
jannataa hundi banamu
Balballi azaabaas
martinuu cufamu
Toltuun namni hojjete
dachaa taasifamu
Ollaan ziyaaramee
firoomni fufamu

Yaa ji'a salaataa;
azmaraa Qur'aanaa
Caaltuu ji'a hundaa
ji'a #Ramadaanaa

Ollaaf firri hundi
bakkuma jirtanuu
Kan qaamaan nan-beekneef
jarri na beektanu

Tarii kana dura
yoon sin mufachiise
Tasa osoon-yaadin
sinitti fullise
Yookaan fuulan-taane
sinitti mul'ise
Yoon isin hamadhee
isin ququncise

#Afawutu naaf jedhaa
adaraa yaa biyyaa
Akkan argadhuudhaaf
dhiifama #RABBII kiyyaa


Yoko Pictures

@tulu_dawo
@tulu_dawo
@tulu_dawo

@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
1.4K views17:33
Open / Comment
2023-03-20 16:07:43 #New_nashiidaa....#Ahalan_bika_ya_ramadan






Liinkii armaan olii tuquun youtube irratti daawwadhaa.
#subscribe gochuus hin dagatinaa.

https://t.me/A4mulaa_jireenyaa
https://t.me/A4mulaa_jireenyaa
1.7K views13:07
Open / Comment