🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

NADHII... Warraaqsaa gaaf cunqursaa Calaqqee gaaf dukkanaa Ab | ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

NADHII...

Warraaqsaa gaaf cunqursaa
Calaqqee gaaf dukkanaa
Abbaa sochii Oromoo
Kaleessi kee akkanaa

Otuu barachaa jirtuu
Dadhabnaan laalaa dabsoo
Addunyaa barnootaarraa
Seente addunyaa qabsoo

Lafee kankee cabsitee
Gadi na dhaabuuf lafa
Dhaqxee na jalaa haftee
Attamiin sirraa hafaa?!

Dachee irraa na maqsuuf
Dukkanaan na haguugdee
Gaaf alagaan caraantu
Qalama lafa keessee
Boombii kaastee lixxekaa
Kan diinaa koon waraantu.

@ShiisAbdallaa