🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Lola Jaarsaaf Jaartii Ati gidduu seentee Balleessaa barbaad | ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

Lola Jaarsaaf Jaartii

Ati gidduu seentee
Balleessaa barbaaddaa
Abbaa badii bartee
Adabuudhaaf yaadda...

Jaarsa waliin teessee
Jaartiin badiin dhabdu
"Isheetu balleesse
"Ati badii hin qabdu"

Jettee,waa'ee jaartii
Jaarsatti hamattee
Nama badii gootee
Yoo badii itti murte...

Isaaniin si miti
Sireetu araarsa
Baay'ee keessa hin galiin
Lola jaartiif jaarsa!