🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

“Lola waggoota shanii booda yeroo duraatiif mariin araaraa WBO | ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

Lola waggoota shanii booda yeroo duraatiif mariin araaraa WBO fi mootummaa Itoophiyaa giddutti godhame, dhimmoota tokko tokko irratti  waliigalamuu baatus, walhubannaan gaariin uumamuu ibsa gama lachuun baherraa ni hubatama. Haaluma kanaan marii marsaa itti aanuu gochuuf waliigaluu isaaniis agarra. Hawwiin ummata keenyaa waliigaltee guutuu nagaya buusuu dhagayuu  ta’us, bu’aan marii kanarraa argames gaariidha. Hammasiifuu tarkaanfilee jechaafi gochaa kan bu’aa ( progress) marii marsaa kanaa irratti argame of duuba deebisan irraa gamni lachuu of qusachuu barbaachisa. Inumaatuu hojiilee daran walitti dhiheessuuf fayyadan dalaguutu irraa eeggama. Deeggartoonni gama lachuutis ta’ee  ummanni bal’aan mariin marsaa itti aanuu dafee akka eegaluufi waliigalteerra akka gayamu dhiibbaa godhuu feesisa.

#PeaceHasNoAlternative
#JustPeace


Jawaar Muhammad